Yuuniversiitiin Jimmaa Mootoo ‘‘Nuti hawaasa keessa jirra’’jedhuun hojii hawaasa naannoo fayyadan hedduu kan hojjete jedhan Ministeer deetaan Ministeera Fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa

122

Finfinnee, Fulbaana.28,2013(TOI)-Yuuniversiitiin Jimmaa Mootoo ‘‘Nuti hawaasa keessa jirra’’jedhuun hojii hawaasa naannoo fayyadan hedduu kan hojjete jedhan Ministeer deetaan Ministeera Fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa.

Madaallii yeroo yeroon dhaabbilee barnootaa olaanoon gaggeeffamuun Yuuniversiitichi sadarkaa jalqabaa irratti kan argamudha jedha.

Keessattu gama tajaajila fayyaatiin hojiin inni hojjechaa jiru akka biyyaatti badhaadhina milkeessuuf abdachiisaadha jedhan.

Badhaadhinni kan dhufu humna nama barateetiin .Humni nama baratee qulqullinaan akka oomishamu Yuunivarsiitiichi hojii gaarii hojjechaa jiras jedhan.

Dhaabbilee barnoota kan akkanaa muuxannoo gahaa qabuufii hojii gaarii hojjechaa jiru qabaachuun akka biyyaattis, akka hawaasaattis carraa guddaadha jedhan.

Barattoonni guyyaa har’aa eebbifamtanii baatanis barumsi akka hin xumuramne beektanii yeroo yerootti dandeettii keessan gabbifachaa, hawaasa keessaniifi biyya keessaniif gaachana ta’uu qabdu jedhan Dr.Darajjeen.

Yuuniversiitiin Jimmaa hojiin i Covid-19 ittisuuf hojjete akka biyyaatti iddoo guddaa kan qabudha.Gara fuula duraatti Ministeerri Fayyaafii Yuuniversiitiiwwan waliin hojjechuun bu’aa guddaa galmeessuu irratti xiyeeffatamee kan hojjetamu ta’a jedhaniiru.

Yuuniversiitichis yeroo dhiyootti Covid-19 ofirraa ittisuun barnoonni akka eegalamu taasisa.Barttoonni gara dhaabbilee Barnoota Olaanoo deemtanis mataa keessaniifii hawaasa keessan akka eegdan jechuun dhaamaniiru.

Maddi:-OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015