Yuuniversiitiin Jimmaa barattoota gosa barnoota adda addaatiin barsiisaa ture Kuma 1fi 409 guyyaa har’aa eebbisiise

126

Finfinnee,Fulbaana 28,2013(TOI)-Yuuniversiitiin Jimmaa barattoota gosa barnoota adda addaatiin barsiisaa ture Kuma 1fi 409 guyyaa har’aa eebbisiise,

Yuuniversiitichi kaanaan duras barattoota Kuma 3fi 139 sagantaa adda addaan barsiisaa ture eebbisiisuu isaafii bara 2012 tti walumaa gala barattoota kuma 4fi 548 eebbisiisuu isaa Pirezedaantiin Yuuniversiitichaa Dr. Jamaal Abbaa Fiixaa himan.

Eebbifamtoota guyyaa har’aa keessa ispeeshaaliitiidhaan barattoonni 7, PH.D’n immoo barattoonni 10 akka keessatti argamanis himameera.

Barattoonni eebbifamanis imaanaa isaanitti kenname fudhatanii lammii isaanii haalaan akka tajaajiluu qaban Dr. Jamaal dhaamanii jiru.

Maddi:- OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015