Uummanni Oromoo tokkummaa isaa cimsee biyya kana keessatti seenaa hojjechaa jiru sadarkaa olaanaatti ceesisuu qaba jedhan Pirezedaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leedaamoo

61

Finfinnee,Fulbaana.27/2013-Uummanni Oromoo tokkummaa isaa cimsee biyya kana keessatti seenaa hojjechaa jiru sadarkaa olaanaatti ceesisuu qaba jedhan Pirezedaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leedaamoo.

Haasaa kanas kan taasisan sirna kanninsa Tiraakteraa fi Kombaayineeraa qonnaan bultoota keennuuf shaashamanneetti qopha'e irratidha.

Obbo Dastaa Leedaamoo akka jedhanitti, nuti uummanni Sidaamaa Uummata Oromoo ni jalaannna , ni kabjinas jedhan.

Tokkummaa Ummata Oromoo fi Sidaamaa jiru kan kanaan duraa caalaa cimsuuf hojjechuu akka qabanis himan.

Qotee bultoonnis tiraaktaraa fi kombaayinaraa argatanitti qixa sirriin itti fayyadamuun oomisha isaanii dabaluu akka qabanis dhaamanii jiru.

Rakkoon naannoo Shaashamanneetti muudateef lammiillee miidhaman yeroo gargaarrus hiika guddaa nuuf qaba.kanuma irraa ka’uudhaan lammiilee miidhamaniif deeggarsa birrii miliyoona 3,fi kuma 500 taasisaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015