Xumura bara Faranjootaa 2020tti talaalliin dhibee Covid -19 qophii ta’uu danda’a – Dooktar Teedroos

50

Finfinnee, Fulbaana 27/ 2013 (TOI) – Talaalliin dhibee Covid -19 xumura bara Faranjootaa 2020tt qophii ta’uu akka danda’u Daayreektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teedroos Adihaanoom ibsan.

Talaallichi yeroo qophaa’e lammiilee hundaaf walqixa akka rabsamu tumsi hoggantoota biyyoota addunyaa fi ejjennoon siyaasaa barbaachisaa ta’uu daayreektarichi ibsaniiru.

Rabsi talaallichaa karaa haqa qabeessa ta’een akka raawwatu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa hordoffii ni taasisa jedhame.

Talaalliwwan sadarkaa yaalirratti argaman 9 bu’aa qabeessa taanaan talaalliwaan biiliyoona 2 rabsuuf qophiin taasifamuu ibsameera.BBC gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015