Ministiirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad magaalaa Baahir Daar dhaqan

47

Finfinnee Fulbaana2/2013(TOI)-Ministiirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad magaalaa Baahir Daar dhaqan.
Dooktar Abiy giiftii duree aadde Zinnaash Taayyaachaw waliin magaalaa Baahir Daar jiru.
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad magaalaa Baahir Daar galan.

Dooktar Abiy giiftii duree aadde Zinnaash Taayyaachaw waliin magaalaa Baahir Daar galaniiru.

Dooktar Abiy buufata xiyyaaraa yoo ga'an preezdaantii naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xiruunah dabalatee qondaaltota mootummaa birootin simannaan taasifameefira.

Paarkii Indaastirii Baahir Daar ebbisuun ifatti hojii ni jalqabsiisu.

Ijaarsi marsaa jalqabaa paarkichaa lafa heektaara 75 irratti kan hojjetame yoo ta'u, marsaa lammaffaatin ammoo heektaara 125 irra kan hojjetamu ta'a.

Paarkichi hojjettoota kuma 4 ol simachuuf qophii taasisaa jira.

Humna guutudhaan oomishuu gaafa jalqabu dabaree lamaan namoota kuma 10 ta'aniif carraa hojii ni uuman eegama.

Ijaarsi marsaa lammaffaa yoo xumuramu dachaadhan akka dabalutu eegama.

Paarkichatti hanga ammaatti dhaabbanni Hoopluun jedhamu sheedota 8 oomisha huccuuf fudhateera.

Sheedii tokkorratti maashina kan dhaabe yoo ta'u, hojjettoota adda baafachuun leenjisaa jira.

Torbee kana oomisha kan eegalu yoo ta'u, Bitootessa dhuftuu eegalee gara Ameerikaa fi Awrooppaatti ni ergaan eegama jechuun FBC gabaasera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015