Guyyoota torba dhufanitti haalli roobaa Afrikaa Bahaatti cimee itti fufa"- IGD

86

Finfinnee, Fulbaana 26,2013(TOI)- Fulbaana 26 irraa eegalee guyyoota torbaaf Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa bahaatti roobni giddugaleessa miilii meetira 50 hanga 200 akka eegamu IGD beeksiseera.

IGD ibsa tajaajila oduu Itiyoophiyaaf erge akka argisiisutti Sudaan kibbaatti naannoolee tokko tokoo roobni giddugaleessa milii meetira 50 hanga 200 akka eegamu himameera.

Lixa, Kibba fi kibba baha Sudaan , Lixa fi kibba Itiyoophiyaa,Yuugaandaa, Ruwaandaa, kutaalee Lixa Biruundii,Kaaba Lixa Taanzaaniyaa, kutaalee giddugaleessa fi Lixa Keeniyaa, akkasumas giddugaleessa fi Kibba Somaaliyaatti roobni akka eegamu odeeffanichi ni mul’isa.

Dabalatanis guyyoota kunneen keessaa giddugaleessaan hanga naannoolee sudaan kibbaatti roobni salphaan milii meetira 50 gadi kan ta’e ni eegama.

Kaabaa fi kan kibba baha, kutaalee Sudaan kibbaa, Lixa fi Kibba Itiyoophiyaa, giddugala Ertiriyaa, kaaba fi kibba Somaaliyaa, baha, giddugala,fi Kaaba,Lixa Keeniyaa fi kutaalee galaanaa akkasumas Lixa Taanzaaniyaa rooba ni argatu jedhamee eegama

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015