Uummanni nu filate hanga bakka bu’ummaa keenya nurraa kaasutti itti gaafatamummaa keenya ni baana jedhan miseensonni Mana Marii Bakka Bu’oota Uummataa

53

Finfinnee Fulbaana 26/2013(TOI) – Uummanni nu filate hanga bakka bu’ummaa keenya nurraa kaasutti itti gaafatamummaa keenya ni baana jedhan miseensonni Mana Marii Bakka Bu’oota Uummataa.

Sirni baniinsa Mana Marii Bakka Bu’oota Uummataa fi Mana Maree Federeshinii yaa’ii Marsaa 5ffaa bara hojii 6ffaa walgahii waloo taa’eera.

Mana Mariichaatti Walitti Qabduun Koree Dhaabbii Dubartoota, Dargaggootafi Hawaassumaa Aadde Ababaa Yoseef, Miseensonni Mana Marii kun qajeelfamoota mootummaan bahan hojiirra olmaa isaaf hojiin qaama raawwachiistoota to’achuufi hordoofu itti fufna jedhan.

Filannoo biyyaalessaa yeroo 6ffaaf gaggeeffamuf sagantaan bahe sababa koronaan dheeraachuun ni yaadatama jedhan.

Aadde Ababaan, nageenya uummataaf dursa kennuun bifa heera mootummaa hordoofen sadarkaalee jiran mara darbuun akka gaggeeffamuf filannoon kan dheeraate ta’uu ibsaniiru.

Murtee Manneen Marii Bakka Bu’oota Uummataafi Federeshinii dabarsan dirqama qaamoolee raawwachiisanifi naannoolee hundaa ta’uu akka qabu ni beekamas jedhan Aadde Ababaan

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015