Shaampiyooniin maaraatoonii Landan Shuraa Qixxaataa har’a gara biyyatti yeroo deebi’u simatameera

2648

Finfinnee,Fulbaana 26/2013(TOI)- Shaampiyooniin maaraatoonii Landan Shuraa Qixxaataa har’a gara biyyatti yeroo deebi’u simatameera.

Shuraa dabalatee jilli atileetota dorgommicha irratti hirmaatan har’a gara Itiyoophiyaatti yoo deebi’an Pireezdaantii Itti Aantuu Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Komaandar Daraartuu Tulluu,Pireezdaantii Waldaa atileetota Itiyoophiyaa Komaandar Maarqos Gannatii barreesaan Waajjira Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Obbo Bililliny Maaqoyyaa leenjistootnii fi maatiin atileetotaa argamuun simataniiru.