Dubaroonni miidhaa gama onlaayiniin irra ga’uuf jecha waltajjii miidiyaa hawaasaarraa adda citaa jiru – Qorannoo

84

Finfinnee, Fulbaana 25/2013 (TOI) –  Miidhaa gama onlaayiniin dubaroota irra ga’uun Feesbuukii, Instaagiraamii fi Tiwuutara dabalatee waltajjii miidiyaa hawaasaa irraa akka adda citaa jiraan qorannoon idila addunyaa tokko ifoomse.

Dubaroonni 60% ta’an onlaayiniin miidhaan isaan qaqqabu ta’uu qorannoo Pilaan Intarnaashinaalii mul’iseera.

Akka qorannichaatti miidhaan tokko tokko kan eegale waggaa saddeet otuu hin guutiin ta’uu Rooytarsi gabaasa isaan hubachiiseera.

Hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbatichaa An-Birgiit Albireektisaan “dubaroonni miidhaa hameenyaan callisaa jiruu” jedhaniiru.

Miidhaan gama feesbuukiin kan baratamee yoo ta’ullee dubaroota yaada isaanii akka laataniif gaafataman keessaa 39% kan ta’an miidhaan irra ga’aa akka jiru ibsaniiru.

An-Birgiit Albireektisaan wal qabsiisuun Instaagiram 23%, Watsapp 14%, Snaapchaat 10% Tiwuutara 9% fi Tiiktook 6% ni haammatamu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015