Sanadiin laga Awaash sirnaan iti fayyadamuu fi qorachuu dandeessisu ifa taasifame

82

Finfinnee Guraandhala  8/2011 Jiddu gala saayinsii fi eegumsa naannoo Hindiitiin kan qophaa’e sanadiin laga Awaash sirnaan itti fayyadamuu fi qorachuu dandeessisu ifa taasifame.

Sanadiin kun hayyoonni Itoophiyaa fi Hindii dame kanarratti hojjetan qorannoo fi qu’annoo waggoota lamaaf adeemsisaniin qophaa’uunsaa  ibsameera.

Jiddu galeessichatti qorannicha kan hoogganan Kumaar Yaagaayi akka dubbatanitti, laga Awaash ilaalchisee hayyoota dame kanaa fi qaama mootummaa dhimmi ilaalu waliin marii bal’aan taasifameera.

Odeeffannoo walitti qabuuf kutaalee hawaasaa laga Awaash hordofanii jiraatan kallattiidhaaan marii fi gaaffii fi deebiin taasifameera.

Laga Awaash ilaalchisee kitaabotaa fi barreeffamoota addaddaa hayyoota damee kanaatiin barreeffaman fayyadarra ooluusaaii ibsaniiru.

Sanadichi hawaasni laga Awaash fayyadamuuf qulqullina bishaanichaa attamitti eeguu akka danda'u akka hubatu odeeffannoo kennuudhaan gumaachisaa guddaa ta'uu hubachiisaniiru.

Komishinii naannoo,bosonaa fi jijjiirama haala qilleensaatti daarektara to'annoo fi hordoffii faalama naannoo Muluubirihaan Taarikuu akka jedhanitti, sanadichi Awaash qorachuuf eerraga safartuu ni dhiheessa.

Itoophiyaanotaaf faayidaa guddaa kan kennu qulqullina laga Awaash eeguuf akkasumas laga kana sirnaan itti fayyadamuuf murteessaa ta'uu kaasaniiru.

Giinciidhaa kan ka'u lagni Awaash naannolee Oromiyaa, Affaar, Amaaraa, Sumaalee fi kibbaa akkasumas Finfinnee fi Dirree Dawaa qaxxaamuree kan deemudha.

Lagni Awaash kiiloomeetira kuma 12 fi dhibba 5 kan dheeratu yoo ta'u, lafa iskuweer kiiloo meetira kuma 112 uwwisa. Dhumarrattis Itoophiyaa bahaatti osoo biyyaa hin ba'iin gammoojjii keessatti hafe.

Lagni Awaash qooqaa, Awaash lammaffaa fi sadaffaaf  humna ibsaa maddisiisa, Tandaahoo fi Kasamiif misooma jallisii , akkasumas namootaa fi loon hedduuf bishaan dhugaatiif tajaajilaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015