‘’Ummanni keenyaa Sabboonummaafi Oromummaa oduu qofan osoo hin taane gochaan agarsiisuu yeroo jennu seenaa bade deebi’suun,Sirni Gadaa sirna barnoota keessaa galchuun,sirna haqaa keessatti gahee akka qabatuu taasisuufi tajaajilaa lamummaa hojiirra oolchuun mirkanneessuudhani.’’- Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa.

128

Finfinnee Fulbaana 22/2013(TOI) - ‘’Ummanni keenyaa Sabboonummaafi Oromummaa oduu qofan osoo hin taane gochaan agarsiisuu yeroo jennu seenaa bade deebi’suun,Sirni Gadaa sirna barnoota keessaa galchuun,sirna haqaa keessatti gahee akka qabatuu taasisuufi tajaajilaa lamummaa hojiirra oolchuun mirkanneessuudhani.’’- Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa.

Irreechi calaqqeefi eenyummaa Ummataa Oromooti jedhan Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa.

Irreechi mallattoo eenyummaafi calaqqee Ummataa Oromoo ta’uu isa hojiin agarsiisaa jiras jedhan Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa.
Ummanni Oromoo rakkoo baay’ee keessaa darbee,aarsaa qaalii kanfalee, rakkoo isaa injifaattee boqqonnaa haaraa saqee jira uummataa biyyaa kanaaf jedhan.

Ammaas rakkoo kaleessaa irra baranne injifannoo haaraa gara badhaadhinaatti nu ceesisu Ummanni Oromoo Uummataa biyyatti waliin ta’uun qabsa’aa jira jedhan Obbo Shimallis.

Ummanni keenyaa Sabboonummaafi Oromummaa oduu qofan osoo hin taane gochaan agarsiisuu yeroo jennu seenaa bade deebi’suun,Sirni Gadaa sirna barnoota keessaa galchuun,sirna haqaa keessatti gahee akka qabatuu taasisuufi tajaajilaa lamummaa hojiirra oolchuun mirkanneessuudhani jedhan.

Ammaas biyyaa kanatti Sirna Gadaa fayyadamuun walqixxummaan,billisummaan,Obbolummaan akka lafa qabatuuf hojjeechaa jira.

Akkasummas ilaalchaa nuuti jedhu dagaagsuu akka barbaachisuu Obbo shimallis hiimaniiru.
Irreechi dogoggora keenya ilaallee dhifamaaan kan itti ceenudhas jedhaniru.

Uummanni rakkoo hedduu keessa darbe boqonnaa haaraa saaqame kana keessa gaheeras jedhan.

Bara kana waan keessa dabarree faarsuu, osoo hin taanee seenaa haaraa galmeessuutu barbaachiisaa jedhan.
Oromoon seenaa darbe kunuunfachaa seenaa haaraa galmeessaa deemutu irraa eegamas jedhan.

Irrechaa bara darbee Hora Finfinneetti yeroo calqabaatiif wayita kabajnu seenaan Oromoo baqonnaa haaraatti cee’uusaa guyyaa itti milkoofne ture; kan baranaa ammo caalmaatti boqonnaa haaraa keenya itti haaroomsine itti adeemnuu waan taheef baga gammaddanis jedhaniiru.
Hawaasaa ayyaannicha kabajuun Mootummaa cinaa dhaabbatees galateeffataniiru.

Haqa jallisuu osoo hin taanee haqa abbaaf deebisuutu murteessaa dha; kaanfis Mootummaan naannoo Oromiyaaa jijjirama dhufe keessatti haqa qabataamaan hojiirra olchuuf tattaaffiin inni taasisaa ture kan galateeffamu qabuu dha jedhaniiru.

Kanaanis Seenaa Oroomo qofarratti hojjachuu osoo hin taane,biyya Itiyoophiyaa hundaaf mijooftu taatee ijaaruuf gahee olaanaa qabnas jedhan Obbo Shimallis; Sabboonummaa keenyaas kanaan calaqqisna jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015