Dargaggoonni Magaalaa Adaamaa Ayyaanni Irreechaa Nagayaan Kabajamee akka Xumuramuuf gahee nurraa eeggamu ni baana jedhan.

56

Finfinnee Fulbaana 21/2013 (TOI)- Namoonni Marii kanarratti hirmaatan akka jedhanitti, Irreechi mallattoo nageenyaati waan taheef Qeerroof Qarreen kabaja Ayyaana Irreechaan walqaabatee murteen Abbootiin Gadaa dabarsan akka hojiirra ooluuf ni hojjanna jedha.

Irreessa baranaa sababa Vaayrasii koronaatiif jecha akka namoonni walitti baay'ataanii hin kabajneef murtee darbeedha malee siyaasaan walqabsiisnee lubbuu Qeerroo fi Qarree keenyaatti taphachuu hin qabnu jedhan dargaggoonni kunneen.

Kana galmaan gahuuf immoo Tokkummaan kan hojjatan tahuu dubbatu.

Kantiibaan Magaalaa Adaamaa, Obbo Hayiluu Jaldee Ayyaanni irreessaa namoota muraasaan akka kabajamu murtee Abbootii Gadaati.

Kunis Sababa dhibee Vaayrasii koroonaatiif jecha kan godhame waan taheef uummanni keenya qaamolee nageenya booressuu irratti hojjataniif gurra osoo hin kennine tokkummaan wal utubnee Ayyaanni irreechaa akka nagayaan xumuramuuf gahee keenya bahuu qabna jedhan.

Dargaggoonni keenya Abbaa Injifannoo kanaa waan taheef Bu'aa qabsoo dhiiga ilmaan Oromootiin dhufe kana akka salphaatti ilaaluu dhiisee nageenyasaa jabeessee eeggachuu qaba jechuun dhaamaniiru jechuun OBN gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015