Ityoophiyaatti weerarri awwaannisaa irra deebiin mudachuu isaatin biifaan keemikaalaa gaggeeffamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa FDRI beeksise

58

Finfinnee, Fulbaana 21/2013 (TOI) –Ityoophiyaatti weerarri awwaannisaa irra deebiin mudachuu isaatin biifaan keemikaalaa gaggeeffamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa FDRI beeksise.

Yeroo ammaatti weerarichi naannoo Afaar aanaalee 26, aanaalee ollaa naannoo Amaaraa fi naannoo Somaalee godina Siitii aanaa Ayishaa, Awwabaree fi Shinilleetti mudateera.

Awwaannisichi killee buusaa jiraachuu fi irra deebiin Soomaalee laandii gara Ityoophiyaa galaa jiraachuu ministeerichi beeksiseera.
Dheedaa fi oomisharratti miidhaa akka hin qaqqabsiisne biifaan keemikaalaa helikooftaroota sona hojjetan 2, xiyyaarota biifaa keemikaalaa 4, meeshaa humna namaatin hojjetuu fi konkolaataan socho’uun raawwatamaa jira.

Waxabajjii 2011 eegalee irratti hojjetamaa kan ture yoo ta’u, naannolee biyyattii 7 fi bulchiinsa magaalaa 1(Afaar, Somaalee, Amaaraa, Tigraay, Kibba, Oromiyaa, Hararii fi Dirree Dawaa); aanaalee 178 mudateet ture.

Weerarichaan oomisha 2011/12 irratti miidhaan kuntaala miiliyoona 3.5 qaqqabeera.
Maddi:- FBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015