Kantiibaa itti aantuu Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Waldaa Dubartoota Oromoo Finfinnee waliin mar'achaa jiru.

92

Finfinnee Fulbaana 20,2013(TOI)-Kantiibaa itti aantuu Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Waldaa Dubartoota Oromoo Finfinnee waliin maryatan

Waltajjii Marii kana Waldaa Dubartoota Oromoo Finfinneefi Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetu waliin qopheessan.

Sirna Gadaa keessatti dubartiin ulfoodha,kabaja addaa qabdi,cunqursaaf hin dhiyaattu,hin kijibdu jedhan Aadde Adaanach.

Dubartiin amanamtuu waan taateef miidhame jettee baatee yoo dubbatte, akkaataa Sirni Gadaa kaa'uun qaamni miidhaa qaqqabsiise ni adabama.

Kanaaf, eenyuun caalaa sirna kabaja Irreechaa qaama sirna Gadaa ta'e karaa nagaan akka kabajamuuf tumsa barbaachisu gochuu qabu jedhan.

Irreechi nagaa buusa,araaraaf dursa kenna, duudhaa Irreechaa furmaata waa hundaa ta'e Ilaalcha siyaasaarraa bilisa gochuu qabnas jedhan.

Waldaan Dubartoota Oromoo Magaalaa Finfinnees baayyinni namoota Irreecha irratti hirmaataniifi malkaa bu'anii murtaa'us, akkuma waggaa darbeetti miira haadhummaatiin keessummaa simachuuf qoqhaa'uu himan.

Maddi:- OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015