Poolisiin federaalaa siyaasarraa bilisa ta’ee, alaabaa biyyaaf kan hojjetu akka ta’u hojiin jijjiirramaa hojjetamaa ture itti fufa

63

Finfinnee, Fulbaana 20, 2013 (TOI)- Ityoophiyaan nagaa akka taatu caasaan nageenyaa hojii hojjetuuf, mootummaan federaalaa isaan cinaa jira jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy agarsiisa poolisii federaalaa Addabaaba’ii Masqalaatti gaggeeffamerratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Waggoottan lamaan darban poolisiin hojiilee biyya, ummataa fi mootummaa boonsan hojjechaa tureeras jedhan Dooktar Abiy.
Poolisiin biyyaaf of dabarsee kan laate ta’uus ibsaniiru.

Poolisiin federaalaa siyaasarraa bilisa ta’ee, alaabaa biyyaaf kan hojjetu akka ta’u hojiin jijjiirramaa hojjetamaa ture itti fufas jedhan.

Mootummaan federaalaas hojii poolisiin hojjetu kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil ergaa qophicharratti dabarsaniin hojiilee mootummaan hojjetu keessaa tokko poolisii tajaajila ammayyaawaa laatu ijaarudha jedhan.

Hojii jijjiirramaa eegalame cimsuudhan, bara baajataa kanatti ummata waliin ta’uudhan nagaa mirkaneessuuf ni hojjetama jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015