Poolisin itti gafatamuummaa itti kenname bahuu kan danda’u yaadan,qindoominan fi hojmaatan ummata walin ta’ee yoo hojjateedha

87

Finfinnee Fulbaana 20/2013(TOI)- Ummata walin taane nageenyaa biyyaa kenyaa mirkaneessuuf ni hojjanna jedhan Ministirri Ministeera nageenyaa Addee Mufariyaat Kamil.

Ministirri Nageenyaa Addee Mufariyaat Kamiil kana kan jedhan saganta Agarsisaa Poolisin Feederaala Addabaabayi Masqalaatti gaggeessaa jiru irrattidha.

Waggoota laman darbanif dhaabbata Poolisi haareessuuf hojiiwwan garagaraa hojjatamaa akka turanis himaniiru.

Imala jijjiraama biyyattiin jalqabde galmaan gahuu keessatti gahee olaanaa Poolisin qabu agarsisuuf waltajjiin ‘Ofirraa ummataa fi biyyaaf’ jedhu kun akka fakkenyaa tokkootti kan ilalamuudhas jedhan.

Humni nageenyaa kun kayyoo isaa adda kan bafatee fi wanta sirreessuu qabu sirreessaa akkasumas sirna Dimookirasii biyya keenyaatti ijaaraa jirruuf gahee mata isaa bahachaa kan itti fufu ta’us himaniiru.

Poolisin itti gafatamuummaa itti kenname bahuu kan danda’u yaadan,qindoominan fi hojmaatan ummata walin ta’ee yoo hojjateedhas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015