Ayyaanni Irreechaa akkuma ayyana Masqalaa wal hubannaan kabajamuu qaba-Kantiibaa Itti Aantuu Magalaa Finfinnee Aadde Adaanech

91

Finfinnee Fulbaana 18/2013(TOI) –Akkuma ayyana Masqalaa karaa ergaa abbootii Amantaan darbeen wal hubannaan kabajame ayyanni Irreechaas walhubannoon kabajamuu qaba jedhan kantiibaa itti aantuu magaalaa Finfinnee Aadde Adanecha Abeebee.

Haala kabaja ayyanichaa ilalchisee miidiyaaf ibsa kan kennan kantiibaa itti aantuu magaalaa Finfinnee Aadde Adanecha Abeebee,ayyanni masqalaa qajeelfama dhibee koronaa ittisuuf abbootiin amantaa kahaanin akka kabajamuuf warra gumaachan galateeffatan.

Ayyanichi Kan waliinii ta’ee akka kabajamuuf hordoftoonni amataa biros gahee guddaa gumaachanii jiru kan jedhan aadde Adanech, dureewwan amantaa,qaamolee nageenyaa fi uummatas galateeffatan.

Ayanni irreechaas karaa ergaa abbootii Gadaa ,qaamolee nageenyaa fi mootummaan dabarseen akka kabajamu waamicha godhan.

Irreechi ayyana jaalalaa,tokummaa fi ayyana araaraa ta’uu kan himan aadde adanech,ayyanichi bu’uura nageenyaa ta’ee akka itti fufu karaa duudhaa isaa eegeen kabajamuu qaba jedhan.
Namoota ayyanicha irratti hirmaataniif waraqaa seensaa abbootiin Gadaa qopheeessaa jiraachuu ibsuun ,akkuma masqalaa ayyanichi karaa walhubannan akka kabajamu dhaaman.

Irreecha ilalchisee mariin paanalii sadarkaa biyyaa kanga aanaaleetti qophaahuu himuun ,irrechi UNESCOtti akka galmaahus hojin gara garaa hojjetamaa jira jedhan.
Jiraatoonni magaala finfinnees ayyannicha uummata waliin kabajuuf qophii gahaa gochaa jiru jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015