jilli Abbootii Qabeenyaa Sudaan,Paarkii Biyyaalessaa Haroowwan Abijaataa Shaalaa fi Laangaanoo daawwataniiru

69

Finfinne Fulbaana 18,2013(TOI) - Jilli Abbootii Qabeenyaa Sudaan qabeenya tuurizimii Itiyoophiyaan qabdu misoomsuuf,tibba darbe magaalaa Bishooftutti simatamaniitu,guyyaa har'aa imala isaanii Godina Arsii Lixaatti taasifataniin simannaan Abbootii Gadaaa,haadha siinqee fi hooggantoota Mootummaa godinichaan taassifameera.

Imala kanaanis,jilli Abbootii Qabeenyaa Sudaan,Paarkii Biyyaalessaa Haroowwan Abijaataa Shaalaa fi Laangaanoo daawwataniiru.

Jila Abbootii Qbeenyaa kanneen dursanii Kan dhufan Omar Alii,Iiytoophiyaan biyya haala qilleensa mijataa qabduu fi hawwata tuurizimii qaamaa qalbii nama hawwatan qabduudha jedhan.

Kanaaf,jilli isaanii hojiiwwaan riizoortii fi loojii irratti hojjechuuf fedha akka qaban beeksisaniiru.

Gama biraanis,jilli kun bakka haawwata tuurizimii daawwachaa jiru kanarratti diizaayinaroota qabatee deemaa jiraachuunis himameera jedha gabasni OBN.

Naannoo kibbaatti iddoowwan hawwata tuurizimii daawwachuuf jilli kun imalarra jira jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015