Guyyaa Tuuriizimii Addunyaa kabajuuf Pirezedaantiin Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa Jijjigaa galan

113

Finfinnee Fulbaana 17,2013(TOI) -Guyyaa Tuuriizimii Addunyaa kabajuuf Pirezedaantiin Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa Jijjigaa galan.

Guyyaa Tuuriizimii Addunyaa kabajuuf Pirezedaantiin Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa,Pirezedaantiin Itti aanaa Naannoo Saboota Sab lammootaa fi Ummattoota Kibbaa, Obbo Ristuu Yirdaaw,Minisrira aadaa fi Tuurizimii Dr Hiruut Kaasaaw dabalatee hoggantoonni olaanoo Jijjigaa galaniiru.

Guyyaan kun "Turiizimii Misooma baadiyaaf" mata jedhuun Magaalaa Jijjigaatti kabajama.

Guyyaan Tuuriizimii addunyaa magaalaa Jijjigaatti kabajamuunsaa kun yeroo 2ffaafi.

Bara 2008 guyyaan tuurizimii addunyaa 28ffaan magaalaa kanatti kabajamuusaa ragaan Ministeera aadaa fi Tuuriizimii irraa arganne ni mul'isa.

Guyyaan Tuuriizimii Addunyaa barana kabajamaa jiru akka addunyaatti yeroo 41'ffaa akka biyyatti ammoo yeroo 33'ffaadha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015