Giddugala Aadaa Magaalaa Jigjigaatti ijaaramuuf dhagaan bu’uuraa kaahame

50

Finfinnee Fulbaana.17,2013(TOI)-Giddugala Aadaa Magaalaa Jigjigaatti ijaaramuuf dhagaan bu’uuraa kaahame.

Giddugalli kun Muuzeemii ta’ee kan tajaajilu yoo ta’u kutaalee mana dubbisaafii kanneen biroof kanneen oolan ni qabaata jedhameera.

Guyyaa Turiizimii Addunyaa Magaalaa Jigjigaatti kabajamaa jiru sababeeffachuun dhagaa bu’uuraa kana kan kaahan Pirezedaantii Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammadi.

Sirna dhagaa bu’uuraa kaahuu kana irratti Pirezedaantnni,kan Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ,kan Naannoo Amaaraa Obbo Tamasgeen Xuruunee,Kan naannoo Saboota sablammootafi Uummattoota Kibbaa Obbo Ristuu Yirdawu,kan Naannoo Hararii Odirii Badrii, Ministiirri Ministeera Aadaaf turiizimii Dr. Hiruuta Kaasawuufi aanga’oonni biroo Argamanii jiru.

Ijaarsi isaas dhuma waggaa kanaatti ni xumurama jedhameet eegama

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015