“Irreechi keenya sodaa siyaasaafi nageenyaarraa bilisa ta’uu qaba”- Obbo Geetaachoo Baalchaa

75

Finfinnee Fulbaana 16/2013(TOI)- Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Geetaachoo Baalchaa ayyaana Irreechaa Fulbaana 23fi 24 bara 2013 Hora Finfinneefi Hora Harsadiitti kabajamu sababeeffachuun gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin ergaa ittaanu dabarsaniiru.

Ayyaanota Oromoon karaa adda ta'een kabaju keessaa Masqalliifi Irreechi adda durummaan eeramu. Keessumaa Irreechi irree Oromooti. Irreecha Irree Oromoo ta'e kana Oromoon sammuufi qalbii nagaatiin kan Waaqasaa ittigalateeffatee galuudha. Duudhaan ayyaanichaas kana.

Dhaamsin asirratti dabarsuu barbaadu paartii biyya bulchu dabalatee paartiin siyaasaafi qaamni ilaalcha siyaasaa qabu kamuu iddoowwan ayyaana ummataa kanatti ilaalchasaa tokkollee calaqqisiisuu hinqabu.

Oromoon nagaadhaan waaqeffatee galuu qaba. Keessumaa irree Oromoo kan ta'e Irreechi kan addunyaa maraa akka ta'utti kan irratti hojjetamaa jiru. Kanaanis ‘Yuneskootti’ galmeessisuuf tattaaffiin taasifamaa waan jiruuf ayyaanichi sadarkaa kanatti kan ilaalamuudha. Bakka Irreechaa dhaquun silaa turizimiidhaan Oromoof galii galchuudha. Ayyaanichi faayidaalee adda addaa biyyaafis ta'e ummataaf ni argamsiisa.

Garuu sirni kabaja ayyaanichaa keessumaa waggoota dhiyoo as nagaa dhabuusaatiin turistoonni biyya alaatii dhufanii duudhaa waraabamee hindhumneefi ammaaramee faayidaa addunyaa maraa ta'uu danda'u kana fudhatanii ittifayyadamuuf sodaa keessa jiru.

Kanaaf Irreecha keenya sodaa siyaasaafi nageenyaarraa bilisa goonee karaa nagaatiin baanee kabajnee galuu qabna. Kan Kamisee dabalatee ardaalee saglaniifi malkaawwan gara garaa jiranitti kabajni ayyaana Irreechaa karaa aadaa, sirnaafi miidhaginasaa eeggate qofaan kabajamuu danda'uu qaba.

Kanaaf Oromoon walitti bu'uun rakkoo nageenyaafi siyaasaa fiduun, lubbuu gabbaruun ayyaanota Oromoorraa dhaabbachuu qaba. Guyyaan ayyaana Oromoo guyyaatti ummatichi safuu Waaqaa itti eegu, guyyaa ittimalkaatti Waaqa keenya galateeffannuuf qofa ta'uu qaba.

Barri kun bara addaati. Vaayirasiin koronaa addunyaa raasaa jira. Otoo vaayirasiin kun jiruu akka kaleessatti walittiqabamnee kabajuun rakkisaa waan ta'eef baay'ina namoota ayyaanicharratti hirmaatanii haaluma abbootiin Gadaa murteessan qofaan geggeeffamuu qaba.

Malkaan kamuu cufamee ooluu hinqabu, banamuu qaba. Malkaa banamu hundarratti ammoo namni nagaan bahee galuu qaba. Kan mootummaa dabalatee ajandaa siyaasaa kamuu bakka kanatti calaqqisiifamuu hinqabu. Paartiin biyya bulchus ta'e morkattoonni kana keessaa harkasaanii sassaabachuu qabu.

Kanaafis qeerroofi qarreen, abbaan Gadaa, hayyuun, yuubni walitti bahanii bakka malkaa kanatti malkaa nagaa godhanii, eebbisanii bara kana bara nagaa, badhaadhinaa, injifannoo addaatiif akka ta'u gochuurratti qoodnisaanii guddaa waan ta'eef qooda keessan bahadhaan jedhaan. Yoo isin hojjettan, qooda keessan bahattan, mootummaan isin deggara.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015