Pireezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa baga ayyaana Daamaraa Masqalaatin isin ga’e jedhan

288

Finfinnee, Fulbaana 16/2013 (TOI) – Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan baga ayyaana Daamaraa Masqalaatin ittiin isin ga’e jedhan.

Ergaan baga geessanii isaanii guutuun haala armaan gadiitin dhiyaata.

Duraan dursee, ayyaana Masqalaa mallattoo nagaafi jaalalaa, kan dhiifamaafi araaraa ta’e baga geessan, baga waliin geenye jechuun barbaada.

Tibba ayyaana Masqalaa waakkiin hin jiru. Namni kan qabu waliin qooddata; kan bilchaate waliin soorata. Boroofi balballi namaa faaya uumaafi uumamaatiin miidhagee mul’ata.

Miidhagina iji ilaalee hin quufne, foolii gaarii funyaan fuunfatee, miirri simatee hin nuffine kana qabatee, barii birraa kan kabajamu ayyaanni masqalaa hawwii guddaadhaan kan eegamuu dha. Oromoon, “Masqala ayyaana waggaa ayyaantuutu arga!” jechuudhaan leellisa. Anis irra deebi’ee baga ayyaana Masqalaa bara 2013 nagaan geessan, baga ayyaanomtan jechuun fedha.

Ayyaanni masqalaa hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti yaadannoo jaalala mudaa hin qabneefi humna fayyinaa akka ta’etu himama.

Akka sirna araaraafi dhiifama cubbuu dhala namaa uumaan ittiin kakateettis lallabama. Kanaafuu, kabajni ayyaana Masqalaa guyyaa dhalli namaa oolmaa uumaasaa yaadachuun obbolaafi ollaasaatiif waan gaarii gochuun itti kabajatuu dha.

Namni waliif araara gochuu, kan rakkateef birmachuu, kan qabu waliin soorachuufi uumaa galateeffachuun duudhaalee gurguddoo ayyaanicha adda taasisanii dha.

Kabajni ayyaana Masqalaa akka aadaattis sonawwan gurguddoo dhaalamaniifi dhalootaa dhalootatti darban hedduu qaba. Dureessi guyyaa Masqalaa dheedhiifi bilchaataa harka-qalleeyyii waliin qooddata. Nyaataafi dhugaatii manatti qophaa’e waliin soorachuun gammachuu waliin hirmaachuun kan baratamee dha. Dilbiin aadaa seena-qabeessi kun, bara akka baranaa rakkoon uumamaafi nam-tolchee hedduun mudateefi dinagdeen maatiiwwanii gaaga’amaaf saaxilame kanatti caalmaatti kan jajjabeeffamuu dha.

Carraa kanatti fayyadamee, waan qabdan irraa qooddanii warra balaa uumamaafi nam-tolcheetiin gaaga’aman bira kan dhaabbattaniifi deeggarsa addaan hin cinne gochaa kan jirtan martinuu fuula namaafi uumaa duratti galata guddaa qabdu. Birmannaan keessan daa’imman, dubartootaafi maanguddoota baraareera. Hiixannaan keessan dhaloota hirpheera. Oolmaan keessan seenaa hin laaqamneefi salphaatti hin haqamne ta’uu hubattanii, hojii gaarii eegaltan kana cimsitanii akka itti fuftaniif kabajaan gaafadha.

Hundumti keessan akka hubattan, bara kana sababa weerara idil-addunyawaa dhibee Koronaatiin golli biyyaafi nama hundaa goolameera. Alaafi manni, naannoofi namni sirnaafi seeroota of eeggannoo haaraa hedduutiif bitamuuf dirqameera. Yoo jiraanne wal agarra, Yoo wal agarre waliin ayyaana kabajanna waan ta’eef, ayyaana bara kanaa hunda keessatti of eeggannoo ol’aanaa gochaa turreerra. Ayyaana Masqalaa bara kanaa wayita kabajannus karaa saaxilamummaa dhibee Koronaa hir’isuu danda’uun ta’uu qaba.

Xumurarrattis, ayyaanni Masqalaa kan nagaa, gammachuufi badhaadhinaa akka isiniif ta’u hawwaa, nageenyaan calqabnee gammachuufi miidhaginaan akka xumurruuf hunduu bakka jirutti qooda isarraa eegamu akka gumaachu dhaamun fedha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015