Masqala Mootii Ayyaanaa

900

Finfinnee Fulbaana 15/2013(TOI)-Itoophiyaatti ayyaanota gurguddoo kabajaman keessa kan ji'a fulbaanaa kabajamuu ayyaanni masqalaa isaa tokkodha. Ayyaanni kun akka lakkoofsa awuroophaatti bara 2013 ambaa kiliyaa addunyaa ta'ee UNESCO’n galmaheera.

Masqalli Maaliif kabajama

Barreesitoonii wa’ee ayyaana Masqalaa kana  barreessan tokkoo tokkoo yaada adda addaa qabu.

Manni amantaa kiristana tawaadoo ortodokisii ayyaanni kun bu'uurri isaa amtaa kiristaanati jettee amantii. Bareesitoonni yaada kan deeggaranis heddudha. .

Luba  mana amataa kiristanaa tawaadoo ortodokisii kan ta'an Luba Baalay Mokoniin akka barreessanitti   ayyaanni Masqalaa kan kabajamuuf yaadannoo guyyaa fannoo Iyyaasuus kiristoos waggoota 300f badee ture itti argame sababeeffachuuni.  

Akka luba Balaay Mokoniin Kitabaa isaanii” Kiristanummaa fi Oromoo bara durii haga ammaatti” jedhu irratti barressanitti “Erga Kiristoos Fannoorratti du’ee du’aa ka’uun gara samiitti ol fudhatamee booda fannoon Kiristoos jaamaa fayyisaa, lamxii balleessaa namoota gidduuttis raajii hojjechaa waan tureef warri Yihuudotaa hinaafanii fannoo Kiristoos naannawa kuusaa balfaa (xurii) qabu keessatti awwaaluudhaan balfi magaalaa hunda achitti gatamaa ture.

Sababa kanaanis bakki fannoon sun itti awwaalame gaara guddaa ta’e. Fannoon Kiristoos jabana dheeraaf badee tureera. Dhaloota Kiristoos booda bara 70tti yeroo Iyyarusaalem barbadooftu Kiristaanonnis baqatan.

Biyya itti baqatanii turanittis  waa’ee fannoo Kiristoos kadhachaa turan. Kiristaanota kunneen keessaa baduu fannoo Kiristoositti gaddaa kan turte Giiftii Illeeniin, “Ilma kiristaanota bilisoomsu yoo naaf kennite fannoo kee iddoo jiruu barbaadeen ulfinaan ol kaa’a” jettee Waaqa kadhatte.

Waaqayyos kadhannaashee dhagaheefii ilma kenneef. Maqaansaas ‘Qosxanxinoos’ jedhame. Kiristaanotas bilisoomse. Illeeniinis waan Waaqayyorraa kadhattee argattetti gammaddee waadaa Waaqayyo duratti galte fiixa baasuuf fannoo Kiristoos barbaaduuf gara Iyyarusaalem deemte.

Barbaacha yeroo dheeraa booda maanguddoo maqaansaa Kiraakos jedhamu argatte. Maanguddichis Waaqayyo ibseefii akkas jedhee gorse. “Daamaraa dhaabii, ixaana itti naqi, daamotiis gubii Waaqayyoon kadhadhu” jedhee ishee gorse. Isheenis gorsa Kiraakos fudhachuun waantota ajajamte hunda raawwatte. Sana booda aarri daamaraa sanaa samiitti erga ol ba’ee booda gad deebi’uun gaara fannoon Kiristoos keessatti awwaalamerra boqote.

Giiftii Illeeniinis gaara sana qochisiiste. Fannoon Kiristoos awwaalamee waggaa 300 booda Fulbaana 17 bara 326tti qotamuu kan jalqabee Bitootessa 10 bara 326tti fannoon Kiristoos mul’ate. Illeeniinis Phaaphaasii Iyyarusaalem kan turan Maqaariyuus wajjin ta’uun yeroonsaa galgala waan tureef daamootii ibsachuun gammachuu guddaadhaan fannoo Kiristoos mana qulqullummaa yeroof qophaa’etti galchan.

Booda garuu Fulbaana 17 bara 327tti ayyaanni eebba mana qulqullummaa kabajameera. Sababni Ayyaanni Masqalaa Bitootessa 10 yeroo itti Fannoon Kiristoos argame yeroo soomaarra waan ooluuf ayyaanichi akka guutuu biyyaatti Fulbaana 17 akka kabajamu murtaa’e.” jechuun maaliif ayyaanni masqalaa Kiristanoota Taawaadoo Ortodokiisiin akka kabajamuu ibsaniru.

Ayyaanni masqalaa Saboota fi sablamoota Itoophiyaa hedduu biratti ayyaana akka jijjirra bara haaraatti ilaalamudha. Ayyaana kana yeroo kabajaniis akkatuma aadaa fi safuu isaanitti gargarummaan ni jira.

Ayyaanni Masqalaa saboota biyya Itoophiyaa hedduu biratti maqaa addaa addaan akka waamu Luba Baalay Mokoniin kitaaba  isaanii ' Kiristaanummaa fi Oromoo dur irraa hanga ammatti' jedhu irratti  barreessaniru.  

“Ayyaanni kun Afaan Gi’iiziitii, Amaariffaafi Tigriffaan ‘Masqal’ jedhama. Saboonni akka Haadiyyaa, Daawuroo, Gaamoofi Walaayittaa ammo ayyaanicha ‘Masqala’ jedhanii waamu. Namootni Afaan Kambaataa dubbatan ammoo ayyaanicha ‘Masala, Bayam, Heeboo’ jedhu. Kanneen Afaan Guraagee dubbatan ‘Masqar’ jedhu. Namootni Afaan Kafaa (Kaffichoo) dubbatan ‘Gaarroo’  jedhu. Sabni Oromoo ammoo ayyaanicha Gubaa (Masqala) jedhama jedhu Luba Baalay Mokoniin.

Masqalli waggaatti al tokko  Fulbaana keessa daamootii (xomboora) gubanii ibsaa ibsuudhaan kabajama. Ayyaanni kun Saba Oromoo biratti ulfina guddaas qaba.   Saba Oromoo biratti Masqalli akka mootii ayyaanatti ilaalama.

Masqala mooti ayyaana,Si'imoo maaltu wallalaa jedhanis ni sirbu.

Obbo Dirribii Damisee Bokkuu akka kitaba isaanii “Ilaalcha Oromoo ”jedhurratti katabanitti Ayyaanni masqalaa bu'uura aadaafi falaasama Oromoo ganamaa of keessaa qaba. Ayyaanni kun isa Luba Baalay Mokoniin jedhan caalaa bu’urrisa sirna Gadaa ta’uu hin oluu jedhusi. Obbo Dirribiin akka barreessanitii Masqalli Oromoo biratti mootii ayyaanaa jedhamee waan fudhatamuuf akka ayyaana bara haaraatti ilaalamas jedhu.

Kappiteen Xilaahuun Bantiis kitaaba isaanii Duudha jedhu keessatti akka eeranittii Masqalli Oromoo birratti amantii ta'uu isaa caalaa dhimmoota dudhaafi falaasama uumaafi uumamaa cimaa of keessaa qaba. Achii as dhuftuun isaas tarii falasamaa warra Kushii durii irraa dhufe jedhanii ragaa kana naaf dhugoosa jedhan eeranii barreessaniru.

Ayyaana Masqalaa Oromoon akkamiin kabaja

 Ayyaanni masqalaa Fulbana 17 kabajama.Guyyaa jala bultiisaa immoo sirnoota adda addatu raawwata. Guyyaa jala bultii kana Xomborrii/Ibsaan gubamuu ollaan naannawwa tokko jiraatu bakka tokkotti ni qopheessa. Sirni kunis Dhaabaa dhaabbachuu jedhamee akka beekamu godina shawaa kaabatti ogeessa aadaa fi Turizimii kan ta'e obbo Shimallis Fufaa kan himan. Sirni kun Daamaras jedhamee ni beekama.

Dhaaban dhaabbatee kun  Oromiyaa bakka hedduutti fulbanaa 16 galgala gubama. Bakka tokko tokkootti garu ganama obboroo gafa fulbaana 17tti  bar'u gubama.

Nyaata guyyaa masqalaa qophaa'u

Masqallii guyyaa quufati jedhama. Guyyaa kana nama qofaa osoo hin taanee loon illee kaloo akka qufanii akka dheedan taasifama. Dangaan ittii hin godhamu. To'in osoo hin taanee gad-dhiisiin dheedu.

 Oromoo biratti gaafa guyyaa ayyaana Masqalaa dhaangaan qophaa'uu gosa heddutu jira. Kunis Oromiyaa bakka adda addaatti gargaraa.

Naannoo Oromiyaa lixaatti guyyaa ayyaana masqalaa dhangawwaan qophaa'aan keessaa Ancooteen isa beekamadha. Akka fedha abbaatti affeelliisaa qocqocaan ykn affeelamee daakamaa isaa dhadhaa waliin akka ittootti nyaatama.

Godinaalee wallaggaa baay'eetti nyaanni qooccoo jedhamus guyyaa kana Ancootee waliin nyaatama. Nyaanni kun akkum Ancootee nyaataa hiddii isaa nyaatamudha. Naannawwaa kanatti nyaanni cumboo jedhamus keessaayyuu Godina Horroo Guduruu wallaggaatti  guyyaa Masqalaa bal'inaan sirna ayyaanichaaf kan qopha'u ta'uu raagaleen ni agarsiisu.

Naannawwa Shawaa kaabaatti immoo guyyaa ayyaana masqalaa nyaanni baay'inaan nyaatamu qixxaan marqaa,Foon fi caccabsaafatuu nyaatama.

 Qinceenis sirna ayyaana kanarratti ni qopha'a. Yeroo baay'ee dhangaa qopha'ee kana bakka xomborrii itti gubameetti walgahuun bakka itti sooranitu jira. Ollaanis wal waamee waliin dhangaa kana soorachuun ayyaanicha kabaja. Dhangawwaan kunis bakka hundaattu guyyaa jala bultii ayyanichaa gaafaa daamaraa irra qabamee nyaatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015