Caffeen Oromiyaa, Godina Shawaa Bahaa Magaalaa Baatuutti argamuun hawaasa harka qalleeyyii sababa rakkoo nageenyaatiin miidhaaf saaxilamaniif deeggarsa meeshaalee nyaataa taasisuun jajjabeesse

79

Finfinnee Fulbaana 15,2013(TOI) - Ayaa'iin Caffee Oromiyaa, Aadde Loomii Badhoo hawaasa kana cinaatti argamuun meeshaan qabannee dhufne rakkoo isinirra gahee waliin kan wal madaalu ta'uu baatus, isin cinaatti argamnee isin jajjabeessuuf dhufne jedhan.

Ummanni keenya hariiroo waliin jireenyasaa keessatti jibbiinsa bu'uuraa kan walirraa hin qabneefi kan qaburraa waliif qoodee hawaasa jaalalaafi tokkummaan waliin jiraachaa tureefi gara fuula duraattis jiraatudha jedhan Aadde Loomiin.

Hariiroon waliin jireenya ummattootaa kaleessa Magaalaa Baatuu keessa ture akka deebi'uuf Caffeen isin waliin jira kan jedhan Aadde Loomiin, Abbootiin qabeenyaafi caasaan mootummaa sadarkaan jiranis qindoominaan hawaasa kana deebisanii dhaabuu irratti xiyyeeffachuun cimanii hojjachuu akka qabanis dhaamaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Baatuu Obbo Gosaa Tsagaayees, rakkoo isaan mudateef Caffeen, Magaalaa isaaniitti argamee deeggarsa meeshaalee taasisuu isaa gammachuu isaanitti dhagaahame ibsuun galateefffataniiru.Maddi waajjira Caffee Oromiyaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015