Bara 2020tti lammiileen hundi fayyadamoo humna elektiriika akka ta’an ibsame

59

Finfinnee, Fulbaana 14, 2013 (TOI)- Karooorri bara 2020tti lammiilee hunda fayyadamoo humna elektiriikaa taasisuu qabamuu Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Iinarjii beeksise.

Ministeerichi Ityoophiyaan waggoottan kurnan dhufanitti dhiyeessi humna elektiriika ga’aa fi misooma jallisiin wabii nyaata mirkaneessuuf hojjeecha jiraachuu ibseera.

Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Iinarjii karoora misooma waggaa 10 irratti marii’ata jira.

Maricharratti itti gaafatamtonnii fi hojjeettonni wajjiira ministeericha akkasumas mana maree bakka bu’oota qabeenya uumamaa, koree dhaabbii dhimmota Jallisii fi Iinarjii hirmataa jiru.

Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa, waggootan kurnan dhufanitti dhiyeessi humna elektiriika ga’aa mirkaneessuun damichi diinagdee biyyaa fi jireenya hawaasumma foyyeessuuf shooraasa akka ba’atu himaniiru.

Karoorri misooma waggaa 10 kun dandeetti madda anniisaa meegga waattii 4413 bara 2020tti gara meegga waattii kuma 20tti ol guddisuuf karoorfameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015