Baankiin Adunyaa guddina Qonna Itoophiyaa tumsuuf deeggarsa doolaara miliyoona 80 mallatteesse

75

Finfinnee, Fulbaana 14/ 2013 (TOI)- Ityoophiyaa fi Baankiin Addunyaa guddiina damee qonnaa Ityoophiyaa tumsuuf waliigaltee deeggarsa doolaraa Ameerikaa miiliyoona 80 mallateessaniiru.

Waliigalticha Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee fi Ityoophiyaa, Eertiraa, Sudaan Kibbaa fi Sudaanitti daayreektarri baanki Adunyaa Oosmaan Diyoon mallateessaniiru.

Boordiin hoji raawwachiistuu Baankii Addunyaa maallaqa tumsa Waldaa Misooma Idil Addunyaa Ityoophiyaadhaaf deeggarsa doolaraa Ameerikaa miiliyoona 80 akka taasisu baatii Fulbaana 5, 2013 darbe murtoo dabarsuun isaa ni yaadatama.

Deeggarsichi sagantaa guddiina qonnaa 2ffaan naannolee adda addaatti jireenyaa qonnaa bultoota foyyeessuuf oomishtummaa qonnaa guddisuufi jedhameera.

Akkasumaas oomishtummaa qonnaan bultoota gadi aanaa ta’anii guddisuuf ta’uu ragaan Ministeera Qonnaa irra arganne ni muul’dhisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015