Beeksisaa fi gabaa turizimii irratti ‘waltajjiin waloo’ waliin hojjetan hundaa’e

63

Finfinnee, Fulbaana 14, 2013 (TOI) – fulduratti biyyaa qubata turizimii olaanaa akka taatuuf kan kaayyeefate beeksisaa fi gabaa turizimii irratti ‘waltajjiin waloo’ waliin hojjetan hundaa’eera.

Waltajjiin waloo kun qindeessummaa Ministeera Dhimma Alaatti Ministir Deettaan Diippilomaasii Biizinasii fi Dhimmoota Diyaaspooraa aadde Tsiyoon Takluu kan gaggeeffamu yoo ta’u, dameen turizimiitti waltajjiin waloo mootummaas ta’ee dame dhuunfaan dhimmoota turizimii waliin walqabatu ofkeessatti kan haammate ta’uu ibsaniiru.

Bu’uuruma kanaan waltajjii waloo kanarrratti Ministeerri Dhimma Alaa, Ministeerri Aadaa fi Turizimii, Turizimii Ityoophiyaa, Hoteeloota, oopireetaroota Tuurii, Dhaabbilee Daawwachiiftootaa, Hooggantootni Hojii Waldaa konkolaachiiftootaa fi Gabaa Turizimii fi miseensoota oogummaa akka itti makaman ta’eera.

Hojii beeksisaa fi gabaa turizimii guddisuuf dabalataan koreen imaammataa fi teekniikaa hundeeffameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015