Abbootiin seeraa haaraa muudaman Manneen Murtii amanamummaa uummataa akka mirkaneessan itti gaafatamummaa isaanii bahu qabu jedhame

175

Finfinnee Fulbaana. 13/ 2013(TOI) - Abbootiin seeraa haaraa muudaman Manneen Murtii amanamummaa uummataa akka mirkaneessan itti gaafatamummaa isaanii bahu akka qaban Pireezidantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Aadde Ma’aazaa Ashannafi hubachiisan.

Abbooti seeraa Manni Maree bakka bu’oota Uummataa muudama isaan mirkanneesseef kanneenis baga gammaddaniis jedhaniru.

Abbootiin seeraa muudaman kunneen hojii isaanii bu’aa qabeessa akka ta’uu itti gaafatamummaan hojjechuu akka qabanis Aadde Ma’aazaan hubachiisan.

Hoggantonni Manneen Murtii sadarkaa adda addaa irratti argaman jijjiirama fiduf ciminaafi haqummaan hojjechaa jiru kan jedhan Aadde Ma’aazaan, abbootii seera haaraa muudamtan gama kanaan yoo nu deeggartan hojii bu’aa qabeessa ni hojjena; abbootii seera dubartoota haaraa muudamataniis dubartoonni biroo isiin ilaalaniif fakkeenya ta’aa jechuun eerga isaani dabarsaniiru.

Pireezidantiin Mana Murtii Sadarkaa Tokkooffaa Federaalaa obbo Fu’ad Kiyaar gama isaaniin ogummaan kun uumama isaan amala walqixxummaa, walabummaa, haqummaa waan qabuuf namuusa gaarii qabaachuun kenniinsa tajaajila Mana Murtii eegalame bifa qulqullina qabun hojii bu’aa qabeessaa qabu akka hojjetamu abdii qaban ibsaniiru.

Abbootii Seera muudaman keessaas Mana Murtii Waligalaa Federaalaaf abbootii seeraa 40, abbootiin seeraa 50 immoo Mana Murtii Sadarkaa tokkooffaa Federaalaaf muudamaniiru.

Calallii abbootii seera dubartootaa akka muudamniif taasifameenis madaalli kana dubartoota guutan 26f carraan kan kenname yoo ta’uu kanneen keessaas Mana Murtii Sadarkaa tokkooffaa Federaalaf abbootii seera 13 kan hafan immoo Mana Murtii Olaanaaf muudamaniiru jedha
Maddi:Dhaabbata piresii Itophiyaatti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015