Weerara koronaa ittisuuf dagannaan naannolee biratti mul'atu hatattamaan sirratuu qaba jedhame

51

Finfinne Fulbaana 13/2013(TOI) - Weerara vaayirasii koroonaa ittisuu fi to’achuu irratti dagannaan naannoolee biratti mul’atu hatattamaan sirraa’uu qaba jedhame.

Deetaan Ministira Fayyaa Dr.Darajjee Dhugumaa geeggeessitoota Olaanoo Fedeeraala fi Naannoolee waliin ta’un hojiiwwaan weerara vaayiarsii koroonaa ittisuuf naannoolee Kibbaa fi Sidaamatti hojjatama jiran erga daawwatanii booda ibsa kennaniiru.

Naannoolee lameenitti hojiiwwaan weerara vaayirasii koroonaa ittisuuf hojjatama jiran,keessumaa laabooratoorii qorannoo babal’isuu irraatti kaka’umsi ogeessoonni fayyaa agarsisaniifi walgargaarsi naannoolee laman biratti mul’atu kan nama jajjaabeessuu ta’u himaniiru.

Haa ta’u malee, dagannaan hawaasa biratti mul’atu kan nama yaachisuu ta’u Dr.Darajjeen himaniiru.

Dagannaan iddoo awwaalchaa,gabaa fi dhaabbilee tajaajila garagaraa kennaan biratti fageenya eeggachuu dhiisuun akkasumas haguuggii afaanii fi funyaanii godhachuu dhiisuun ni mul’ata jedhaniiru.

Yeroo weerarri vaayirasii koroonaa babal’achaa jirutti dagannaan hawaasa biratti mul’atu hatattamaan yoo sirraa’uu baate sadarkaa nama yaachisuu irraa gahuu akka danda’u Dr.Darajjeen hubachisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015