Ambaasaaddaroota biyyoota garagaraa teessoo isaanii Finfinnee godhataniif waa'ee piroojektii “maaddii biyyaaf” ilaalchisuun ibsi kenname

65

Finfinnee, Fulbaana 12, 2013 (TOI) – Ambaasaaddaroota biyyoota garagaraa teessoo isaanii Finfinnee godhataniif waa'ee piroojaktii “maaddii biyyaaf” ilaalchisuun ibsi kenname.

Ministeerri Dhimma Alaa obbo Gadduu Andaargaachaaw Ambaasaaddarootaa kanneeniif ibsa kannaniiru.

Ministirrii Ministeera Dhimma Alaa obbo Gadduu haasaa taasisaniin piroojektiin Shaggar dhiheenya ifa ta’e magaalaa Finfinneef miidhagina dabaleera jedhan.

Muummeen ministira Dooktar Abiy Ahimad kan eegalaman piroojektoota qaama “maaddii biyyaaf” ta’an galtee wal fakkaataa qaban, bareedina dabalurra darbanii carraa hojii kan uumaanii fi misooma magariisaaf ga’ee olaanaa kan qabanidha jedhan.

Piroojekticha ilaalchisuun Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii dooktar Abiraaham Balaay, Daayreekatri olaanaa Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Ityoophiyaa Injiinar Habtaamuu Taganyii fi Hogganaan Piroojektii Gorgoraa dooktar Fisahaa Tagany ibsa kennaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015