Manni marichaa filannoon biyyaleessa 6ffaan akka geggeffamu murteesse

Finfinnee,Fulbaana 12/2013(TOI)-Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa FDRI filannoon biyyoolessaa 6ffaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuu hubannaa keessa galchuun barana akka gaggeeffamuuf qophiin akka eegalamu murtee dabarseera.

Manni marichaa walga'ii ariifachiisaa 4ffaa bara hojii 5ffaa har'a gaggeessen weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf dhoorkiiwwan kaa'aman akka kaafaman, sochiin hawaasummaa fi diinagdee akka eeyyamamu, manneen barnootaas akka banaman murtee dabarseera.

Murtichis sadarkaa asadarkaan qaamoleen jiran qajeelfamaa fi hojimaata raawwii diriirsuun hordoffii cimaa fi to'annoo akka taasisan kallattii kaa'era.

Koreen dhaabbii dhimma dubartootaa, dargaggootaa fi hawaasummaa, tumsa koree dhaabbii dhimma seeraa, haqaa fi demokraasii waliin ta'uun weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf yaada murtoo fi kallattii gara fuula duraarratti dhiyeesse manni marichaa sagalee mormii 1, kan sagalee hin laanne 8, sagalee caalmadhaan raggaasiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015