Mariin hidhichaarratti taasifamu fayyadamummaa waliinirratti bu’uureeffachuun waliigaluun ni danda’ama jedhan dura taa’aan IGAD.

86

Finfinnee, Fulbaana 12, 2012(TOI)- Itoophiyaa fi Ijiipti waliigaltee hidha Haaroomsaa Guddicha Itoophiyaarratti taasisan fayyadamummaa waliiniirratti waliigaluun tahu qabaa jedhan Barreessaan Olaanaan IGAD Dr. Warqinah Gabayyahu.

Dr. Warqinah, turti Gaazeexaa Ispuutiniik biyya Raashiyaatti maxxanfamuu waliin taasisanin akka himanitti, IGAD yaaddoo biyyoota sadeeni gidduu jiruu tilmaama keessa galchuun marii waloon furmaanni dhufu akka dandahu ni amana.

Bara 2016 hanga bara 2019tti Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa kan turani fi Barreessaa Olaanaa IGAD ammaa Dr. Worqinah Gabayyahu, Itoophiyaa fi Ijiipti Nageenyaa fi waltahiinsa waliiniif dursa kan kennan yoo tahe atakaaroon jidduusaanii jiru kan hiikan tahuus himaniru.

Dhimmichaafis fala kaa’uuf mariin ministirootaa biyyoota sadeeni gidduutti taasifamaa turees itti fufuu kan qabuu tahuus ibsuusaani gaazeexichii eereera.

Itoophiyaan bishaan Abbayyaarratti fayyadamuummaa haqa qabeessaaf dursuun Afrikaarratti hidha Annisaa Eleektirikaa isa guddaa tahe maddisisuu ijaarsisaa akka jirtuus gabaafameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015