Godina Matakkalitti namoonni jeequmsa uumuun shakkaman 358 too’annoo jala oolan

65

Finfinnee, Fulbaana 11/ 2013 (TOI) - Godina Matakkal iddoo garagaraatti namoonni jeequmsa uumuun shakkaman 358 too’annoo jala ooluu ibsameera.

Naannoo Beenishaanguul Guumzitti namoonni jeequmsa garagaraa keessatti hirmaachuun shakkaman 358 too’annoo jala ooluu Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannichaa beeksiseera.

Rakkoo nageenyaa naannichatti uumame tasgabbeessuuf mootummaan Federaalaa fi naannichaa xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu itti gaafatamaan Biiroo Bulchiinsa fi Nageenyaa naannichaa obbo Abarraa Baayyataa ibsaniiru.

Hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetamaa jiruun namoonni jeequmsa aanaalee Bulanii fi Wambaraa keessatti uumameen shakkaman 30 too’annoo jala oolaniiru jedhan.

Jeequmsa naannichaatti iddoo garagaraatti uumame keessatti hirmaachuun namoonni 328 tibba darbe too’annoo jala ooluu isaanii obbo Abarraan dabaluun dubbataniiru.

Waliigala namoonni jeequmsicha keessatti hirmaachuun shakkaman 358 too’annoo jala ooluun dhimmi isaanii qoratamaa jiraachuu himaniiru.

Akka biiroon dhimmoota koominikeeshinii naannichaa beeksiseetti qaamoolee lammiilee nagaa irratti miidhaa qaqqabsiisaan too’annoo jala oolchuuf hojjetamaa jira.

Hojiin olaantumaa seeraa kabachiisuus cimee itti fufa jedhame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015