Naannoo Oromiyaa godinalee adda addaatti Guddinni gulantaa miseensota poolisiif keename

267


Finfinnee,Fulbaana,9,2013(TOI)- Naannoo Oromiyaa godinalee adda addaatti Guddinni gulataa miseensota poolisiif keename.


Haaluma Koomishiiniin poolisii Oromiyaa qondaaltotaa fi miseensota poolisii godina Booranaa 549f gulantaa guddinaa kenneera.


Gulantaan kenname kunis gargaaraa saajinii hanga koomandaraattidha.
Walumaagalaatti miseensota poolisii 549 ta’an akkaataa ciminaafi dandeettii isaaniitiin kenniinsi gulantaa kun kennamuusaa Koomishinarri Ittaanaa Duubee Liiban himaniiru.


Miseensonni gulantaa guddinaa argatan sadarkaa guddinaa argatanitti gammaduun kana booda hojii fuula duraattis hamilee guddaa akka tahuufis himaniiru.

Godina Gujiittis miseensota Poolisii Oromiyaafi Humna Addaa 506'f guddinni gulantaa adda addaa kennamera.

Miseensoonni guddina kana argatan kan namuusa olaanaan dirqama mootummaafi ummanni itti kenne kan ba'aniidha jechuun Hoogganaan Qajeelcha Poolisii Godina Gujii Koomandar Buzunaa Boddanaa dubbataniiru.

Miseensonni Poolisii Oromiyaafi Humni Addaa gulantaa guddinaa argatan caalmaatti hojjachuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu qabu jechuun Koomandar Buzunaan dhaamaniiru.

Bulchaan Godina Gujii Obbo Taaddalaa Uddoo miseensonni Poolisii Oromiyaafi Humni Addaa guddina gulantaa argatan caalmaatti olaantummaa seeraa kabachiisuun ummata isaanii tajaajiluu qabu.

Bulchiinsi Godinichaas hojii Poolisiin Oromiyaa hojjatu gama hundaan milkeessuuf deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta'uu isaa dubbataniiru.

Miseensonni Poolisii Oromiyaafi Humni Addaa guddina gulantaa argatan tokko tokko yaada kennaniin guddina argachuu isaanitti kan gammadaan ta'uu isaanii ibsuun kan kanaan duraa caalaa ummata waliin ta'uun nageenya Godina Gujii mirkaneessuuf kan hojjatan ta'uu isaanii dubbataniiru.

Haluma wal fakkatuun godina Horroo Guduruu wallaggaattittis miseeensota poolisii godinichaa hojii isaaniittin qaxalee ta’anifi naamusaan fakkeenyummaa gaarii qaban 251f guddinni gulantaa kennamuu itti gaafatamaan Qajeelchaa Poolisii godinichaa koomandar Girmaa Abdiisa himan.


Nageenyaa hawaasaa mirkaneessuuf aarsaa gudda kaffalaa turanin gudinaa gulantaa argatanitti kan gammaddan ta’u miseensonni poolisii kunneen himan.


Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa obbo Biraanuu Jiraa miseensoota poolisii guddina gulantaa argataniin baga gammaddan jechuun,milkaa’ina amma argatan daraan cimsuun haqaan hawaasa keessan tajaajiluu qabdus jechuun dhaaman.


Olaantummaa seeraa mirkanneesuufi aantummaan uummataaf kan hojjetan ta’us miseensonni Qajeelcha poolisii Godina Horroo Guduruu Wallaggaa himaniru jechuun OBN gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015