Itiyoophiyaan qulqullina nyaataa fi omishitummaa Qonnaa mirkaneessuuf misooma baadiyyaa babal’isa jirti.

55


Fulbaana,Fulbaana 08,2013(TOI)- Itiyoophiyaan qulqullina nyaataa fi omishitummaa Qonnaa mirkaneessuuf misooma baadiyyaa babal’isa akka jirtu Ministirri Dhimmaa Alaa Obbo Gadduu Andargaachoo beeksisan.


Ministirri Dhimmaa Alaa, Obbo Gadduun walga'ii ministiroota kan waggaa garee biyyoota guddinarraatti argamani Viidiiyoo Koonfiransiin gaggeeffammee irraatti hirmaataniiru.


Walga'ii kana irraatti Itiyoophiyaan galmaa misooma itti fufaa fi sirna hojimaata Instaanbuul akka hin milkeessineef dhimmoota rakkoo uuman dhiyyeessiteetti.


Weerarri Vaayirasii Koronaa bu’awwaan misooma biyyoota guddinaarra jiranitti galma’e kan dadhaabsisee ta’uu, Obbo Gadduun himaniiru.
Rakkoon Hiyyuummaa ,hojii dhabdummaa fi jijjiraamni qilleensa biyyoota guddachaa jiraniirratti dhiibbaa uumuun itti fufuusaa himan.


Rakkoowwaan kunneen jiraatanillee Itiyoophiyaan qulqullina nyaataa fi omishtummaa Qonnaa mirkaneessuuf misooma baadiyyaa babal’isaa akka jirtu, Obbo Gadduun himaniiru jechuun Ministeerri dhimma Alaa gabaasera..

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015