Ministeerri Fayyaa haldureewwan barbaachisu guutuun filannoo biyyaalessaa gaggeessun akka danda’amu yaada marii dhiyeesse

75

Finfinnee, Fulbaana 8, 2013 (TOPI) – Sababa Vaayrasii koroonaan dheerate kan ture filannoon biyyaalessaa ammaan tana haaldureen guutamee gaggeeffamuu akka danda’u Ministeerri Fayyaa yaada marii dhiyeesse.

Sababa Vaayrasii koroonaan dheerate kan ture filannoon biyyaalessaa haaldureen guutamee gaggeeffamuu akka danda’u Ministeerri Fayyaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf yaada marii dhiyeesse.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa  walga’ii ariifachiisaa 3ffaa bara hojii 5ffaa gaggeessaa jira.

Ministirri Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa deebii fi tarkaanfiiwwan filduraa weerara vaayrasii koroonaa ilaalchisuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf gabaasaa fi yaada marii dhiyeessaniiru.

Gabaasichaa fi yaada mariin tattamsa’inni vaayrasii koroonaa hir’achaa kan jiru yoo ta’uu baatullee adeemsa weerarricha ittisuu keessatti dandeetti sadarkaa hundaa guddisuun danda’amuu ibsaniiru.

Ityoophiyaatti weerarri vaayrasii koroonaa tattamsa’aa kan jiru yoo ta’u, sadarkaa biyyaalessatti namoota vaayresichi irratti mul’ate %95 warreen seenaa imala biyyaa alaa kan hin qabne ta’uu mirkanaa’eera jedhan.

Hanga Fulbaana 6, 2013tti qorannoo laaboraatoorii miiliyoona 1 fi kuma 100 fi kuma 65 fi 647 kan gaggeeffame yoo ta’u, qorannoo taasifame kanaan namoota kuma 66 fi 224 irratti vaayrasichi yoo argamu lubbuun namoota kuma 1 fi 45 ammoo darbeera.

Yeroo amma qoraachuus ta’ee hordoffii taasisuuf dandeettiin guddachuun baatii Hagayyaa qofaa namoota lakkoofsaan hedduu ta’an manaa manatti dawwachuu fi namoota vaayresichaaf saaxilamoo ta’an adda baasuun akkasumaas hojii hubannoo uumuu raawwachuu ibsaniiru.

Tattamsa’ina vaayrasii koroonaa sirriitti hubachuurra darbee dandeetti ittisuu fi to’achuu sadarkaa olaanaa guddisuu danda’uu eeraniiru.

Kanneen keessaa gaggeessan xiyyeeffannoo akka itti laatu taasisuu, miidiyaadhaan hojii hubannoo uumuu, hojii sonaarratti ijaarsa barbaachisu babbal’isuu beeksisaniiru.

Bakkeewwan samudni labooratoorii itti walitti qabamu aanaa hundatti babbal’isuus kaasaniiru.

Akkasumaas lakkoosa siree dhaabbiilee fayyaa guddisuu fi mana keessatti tajaajila fayyaa eegaluu eeraniiru.

Bu’uruma kanaan filannoo biyyaaleessa gaggeessuu keessatti muuxannoowwan idil addunyaa hedduun kan ilaalame yoo ta’u, warren tokko tokko waqtii weerarichaa fialnnoo gaggeessaniiru. Baayyoonni ammoo filannoo akka darbu taasisaniiru.

Ityoophiyaatti wayita weerara vaayrasii koroonaa ittisuus ta’ee to’achuu qophiin gadi aanaa turetti filannoo gaggeesuun sodaan isaa kan caluu ta’uun murtoo darbeen akka dheeratu ta’uu isaa ni yaadatama.

Weerarichi yeroo ammaa soda fayyaa ta’ullee muuxannoowwan turaniin akka kanaan duraa olaa ta’uu dhiisuun, weerarri vaayrasii koroonaa yeroo dheeraa turuu akka danda’uu fi wayita filannoo dheerate waliin walbira qabamee si’a ilaalamu tatamsa’ina isaaf hubannoo gaarii waan horatameef, hawaasni hubanno gaarii waan agarsiiseef akkasumaas maaskii fi sanitaayzariin biyya keessatti oomishaamaa jiraachuu, dhiyeessiin dhaabbilee fayyaaf fooyya’uu, dandeettiin labooratoorii guddachuu fi muuxannoo filannoowwan biyyoota garagaraa ilaaluun haldureewwaan barbaachisu guutuun fialnnoo biyyaalessaa gaggeessuun ni danda’ama.

Adeemsa filannoo kanaan dura tureen bifa adda ta’een ittisa vaayrasii koroonaa tilmaama keesa galchuun danbii sirna filannoo fi dhimmoota raawwchiisa qopheessuu fi bu’uuruma qophaa’aniin sadarkaa hundatti qophiiwwan gara gochaatti jijjiiruun barbaachiisadha.

Adeemsa kana keessatti bakkeewwan tokko tokkottirratti tattamsa’inni vaayrasichaa uumame haala addaan ilaalamu akka qabuu fi qophiin ta’uu qabchu yaada jedhu dhiyeessaniiru.

Gabaasaa fi yaada marii dhiyaaterratti miseensooni manni marichaa yaada kennaa kan jiran si’a ta’u, erga irratti mari’atanii murtoo ni dabarsu jedhameti eegama.