Magaalaa Allamaaxaatti haati takka daa’imman 4 deesse

75

Finfinnee Fulbaana,7/2013(TOI)- Nannoo Kibba Tigraay magaalaa Allamaaxaatti haati takka daa’imman 4 dahuu hoospitaalli magaalichaa beksis.

Haakiimni wal’aansa baqaqsanii yaaluu hospitaalichaa Dr.Birahaanuu Nagaasii TOIf aka himanitti haati kun kaleessa halkan naanoo sa’aatii 8titti daa’imman kana nagaan ofkalte.

Haati kun umrii waggaa 32 ta’u.

Dhiira lamaafi dubatoota lama kan dahan haati kun fayyummaa garii irra kan jirn yoo ta’u daa’imni tokko garuu fayyumman isaa haal yaachisaa keessa jira jedhame.

Daa’imni kun ulfaatina KG 0.5 irra kan jiru yoo ta’u kuuwwan Kg 1.5 ta’uu ibsan.

Daa’imni tokko gaafa dhalatu fayyaa ta’uuf ulfaatina Kg 1.5 ol ta’uu qabaa jedhan ogeessi kun.

Haati daa’imman kanaa asiin dura ijoollee lama dahanii jiru jedhan.

Haati kun hordoffii ulfaan duraa hospitaalichatti taasisaa turanis jedhame.

Wayta hordoffii taasisanitti daa’imman 4 ulfaahuun kan itti himame yoo ta’u,yeroo ammaa hospitaala Maqaleetti yaalarra jiru jedhame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015