Pireezeedantiin duranii Federeeshinii Atleetiksii idila Addunyaa hidhaman.

71

Finfinnee, Fulbaana,7,2013(TOI)-Pireezeedantiin duranii Federeeshinii Atleetiksii idil-Addunyaa Laamiin Diyaak hidhaan waggaa afurii itti murtaa'ee hidhaman.

Bara 1999-2015'tti Pireezedantii Federshiniichaa ta'uun kan tajaajilan Diyaak, maalammaltummaan himatamanii hooggantoota Faransaayiin qoratamaa bahan.

Maanguddoon ganna 87 lammii Senegaal kun, malaammaltummaafi yakka maallaqa seeran ala daddabarsuu jedhamuun balleessaa raawwachuun waan mirkanaa'eef hidhaman.

Diyaak himatni isaanii harki caalu qoricha humna namaa dabalu atleetotni Raashiyaa fudhatan waliin walqabata.

Maanguddoon kun atleetota qoricha humna namaa laatu fudhachuun dhorkaa ta'e fayyadaman irraa matta'aa fudhataniiru, Olompiika Landan bara 2012 irrattis akka hirmaatan hayyamaniiru jedhaman.

Badii isaanii kanaafis adabbiin maallaqaa Yuuroo 500,000 irratti murtaa'eera.

Hoogganoonni Faransaay Diyaak matta'aa Yuuroo miiliyoona sadii fudhachuun atileetota Raashiyaaf dhoksan jechuun waggaa afuriif qorachaa bahan.

Abbaan seeraa gochi Diyaak ''gatii atleetiksii fi duula dooppiingiirratti gaggeefamu laaffisa'' jedheera.

Akka gabaasa BBCtti,Diyaak erga bara 2015 Paaris keesatti manaa akka hin baane ittifamanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015