Naannoo Oromiyaatti nagaafi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf hojjetama jira

122

Finfinnee Fulbaana 07/2013(TOI) lammiilee sababa walitti bu’iinsa muudateen qe’eefi qabeenya isaanii irraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf hojjetame milkaa’a ta’uu ibsame.

Gamaaggama hojii bara bajaata darbe irratti xiyyeeffachuun hojiin nageenyafi bulchiinsa gaarii mirkaneessu cimee akka itti fufu Naannoon Oromiyaa beeksise.

Itti Gaafataman Biiroo Dhimmoota Kominikeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Getaachoo Balchaa mootummaan Naannichaa bara bajaata darbe balaa nam-tolcheefi uumamaan muudatan hiikuuf hojilee milkaa’inaan hojjetaman gamaaggameera jedhan.

Bulchiinsa gaarii mirkaneessuufis ta’ee hojilee misoomaa cimsuun nageenya Naannichaa mirkaneessuun dhimma ijoo akka ta’e kan ibsan Obbo Getaachoon kanaafis xiyyeeffannoon olaantumaa seeraa kabachiisuuf kennamera jedhan.

Nageenyi bu’uu kan danda’u lammiin kamuu dhimma nageenya ergama isaa taasifachuun socho’uun gaaffii uummataa sirnaan deebiisuun itti gaafatamummaa itti kenname bahu yoo danda’e akka ta’es obbo Getaachoon ibsaniiru.

Ayyaanoota fuldura jiran Irreechaafi Masqalaa sababeffachuun Naannichaatti humni hojii nageenya booresuufi walitti bu’insa uuman jiraachuu malu kan jedhan obbo Getaachoon humnoonni kunniin gocha isaanii irraa akka of qusatan hubachiisaa jiraachuufi qaamoleen nageenyas bifa qindaa’een hojii isaanii hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.

Maddi: Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015