USAID’n balaa lolaa Naannoo Afaariitti mudateef deeggarsa Doolaara kuma dhibba 6 ol keenne

88

Finfinnee, Fulbaana 07,2013(TOI)-Dhaabbanni Gargaarsa Idila Addunyaa Ameerikaa USAID’ balaa lolaa Naannoo Afaariitti mudateef deeggarsa Doolaara kuma dhibba 6 fi kuma 50 kenne.

Dhaabbatichi mootummaa naannichaa, Dhaabbata Godaantoota Idil Addunyaa ‘IOM’ fi dhaabbilee idila addunyaa deeggarsa namoomaa biroo waliin ta’uun deeggarsa hatattamaa gumaacheera.

Deeggarsi kun midhaan nyaataa fi meeshaalee qulqullinaa kan hammatuudha jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015