Gaaffii naannoleen gaafatan bu'uura godhachuun lammilee sababaa loolan balaaf saaxilamaniif gargaarsi taasifama jira

89

Komishiiniin hoggansa sodaa balaa biyyaleessa gaaffii naannoleen gaafatan bu'ura godhachuun lammilee balaa lolaaf saaxilamaan gargaraan jira jedhera.

Lammilee balaa kanaaf saxilamaniif midhaan nyaatafi waantoota biroo isaan barbaachisuu karaa komishinichaa dhihaachaafi jiraachuu beekisera.

Akka komishiiniin hoggansa sodaa balaa biyyaleessa beekisetti sababaa balaa lolaan lammileen kuma 290 ol ta'an qe'ee fi qabeenya isaanirra buqa'aniru.

Komishinichaatti dareekitoreetii qunnaamtii uummata kan ta'an obbo Kabbadaa Zawudee akka Tajaajila Oduu Itoophiayaatti himanitti, Komishinichii ji'a bitootessaa irraa jalqabee Ejensii Meetirolojii biyyaleessa fi bulchinsa abbaa taayitaa yaa'awwaniirra odeeffannoo argateen hojiiwwan akeekkachiisa durasaa hedduu hojjetera.

Biyyattitti naannawwa baddatti bara kana rooba cimaa ganna kana roobeen naannawwaan ya'aa gadii irratti lolaan cimani umameera. Hidhawwanis akka gootan tasiseeras jedhan obbo Kabbadaan.

Hidhaawwan jiraniifis akekkachifni kennamee daafanii akka akka gad dhiifaman ta'era.

Knaas ta'ee garuu roobni roobee haga eegamuun ol waan ta'eef bakka adda addatti lolaan lammileerran balaa geessisuun qe'eefi qabeenya isaanirra buqqisuu danda'era.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015