Rakkoo nageenyaa naannoo Benishangul gumuuz godina Matakkal mudatee ture furuuf hojjetamaa jira

142

Finfinnee, Fulbaana 6/2013 (TOI) – Naannoo Beenishaanguul Guumuz godina Matakkal aanaalee muraasatti rakkoo nageenyaa mudatee ture tasgabbeessuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetamaa jiraachuun himame.

Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannichaa obbo Abarraa Baayyataan akka beeksisanitti, rakkoo mudate to'achuuf caasaan nageenyaa naannichaa raayyaa ittisa biyyaa fi poolisii federaalaa waliin hojjechaa tureera.

Gandoota muraasa aanaa Bulanii fi Wanbaraatti rakkoon nageenyaa tibbana mudatee ture tasgabbaa'uu hoggantichi ifoomsaniiru.

Aanaa Wanbaraa ganda Malkaanii fi aanaa Bulan ganda Ephaaritti humnootiin nagaa ummataa booressan lammiilee nagaa irraan miidhaa lubbuu fi qaamaa qaqqabsiisaniiru.

Torbeedhan dura aanaa Wanbaraa ganda Malkaanitti jaarsolii biyyaa, hoggansa gandaa fi milishaa fi qaamolee hawaasaas ugguranii kan tuman yoo ta'u, Birrii kuma 10 fi loon akka isaanif laatan dirqisiisaa turan.

Humnootiin farra nageenyaa kanneen aanaa Wanbaraa jiddugala Koongitti hawaasan isin deeggartoota Paartii Badhaadhinaa fi mootummaati jechuudhan miidhaa qaqqabsiisuun buqqaatiin akka mudatu taasisaniirus jedhan hoggantichi.

Qaammee 1,2012 halkan keessaa naannoo sa'aa 8tiitti aanaa Bulan ganda Ephaaritti lubbuu lammiilee balleessaniiru.

Baatii Adoolessaa keessa haaluma walfakkaatun gandoota aanaa Gubaatti rakkoo walfakkaataa qaqqabsiisuun miseensonni isaanii 168 to'atamuun dhimmi isaanii seeran ilaalamaa jiraachuu beeksisan.

Mootummaan naannichaa naannoo Amaaraa waliin ta'uudhan furmaata waaraa fiduurratti hojjechuuf kallattiin kaa'amuus eeraniiru.

Miidhaan qaqqabes faallaa yaada keenyaa dhaabbattaniittun kan raawwatame malee sabummaarratti kan xiyyeeffatee mitis jedhan.

Namoonni dhabamanii turan 27 gara qayee isaaniitti kan deebi'an yoo ta'u, miidhaa qaqqaberratti odeeffannoon yeroo qulqullaa'etti ibsi kan laatamu ta'a jedhan hoggantichi.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015