Itoophiyaa dabalatee biyyoota Baha Afrikaatti torbee kana hammi Roobaa olaanaa ta’e ni eeggama

135

Finfinnee, Fulbaana 5, 2013 (TOI) –Itoophiyaa fi Biyyoota Afrikaa Bahaatti torbee kana hammi Roobaa olaanaa ta’e roobuu akka danda’u giddugalli qo'annoo qabeenya jijjiirrama qilleesnaa Baha Afrikaa hubachiise.

Giddugalaa fi Lixa Ityoophiyaa, Kaaba Baha Soomaaliyaatti hammi Roobaa cimaa ta’e roobuu akka danda’u giddugalichi yaadachiiseera.

Miidhaa roobni kun qaqqabsiisuu danda’u hir’isuuf qaamooleen dhimmichi ilaallatu hundi of eeggannoo cimaa taasisuu qabu jedhame.

Roobni kun har’aa eegalee guyyoota torbaaf itti fufinsaan roobuu danda'a jedhameera.

Roobni roobus Giddugalaa fi Lixa Ityoophiyaa iddoolee tokko tokkotti Miilii meetira 200 ol qaqqabuu akka danda’u eerrameera.

Giddugala Ityoophiyaa, Kibba Lixa Sudaan, Kaabaa Dhiha hanga Kibba Dhiha Sudaan Kibbatti, Lixaa fi Kaaba Bahaa Soomaaliyaa,Kaaba Lixa Ugaandaa fi Dhiha Keeniyaatti Miilii Meetira 50- 200 roobuu dadanda’a.

Kaaba, Bahaa fi Kibba Ityoophiyaa, Giddugala Sudaan, Kaabaa fi Kibba Soomaaliyaa, naannoo qarqara galaanaa Jiibuutii, Giddugalaa fi Baha Ugaandaa iddoolee tokko tokkotti rooba salphaa hanga Miilii Meetira 50tti roobuu akka danda’u giddugalichi ifoomseera.

Kibba Baha fi Kaaba Baha Ityoophiyaa,Taanzaaniyaa, Bruundii, Ruwaandaa, Kibba Ugaandaa, Bahaa hanga Kaaba Baha Keeniyaatti, Kibba Baha Sudaan Kibbaa, Giddugala Soomaaliyaa, Jiibuutii, fi qarqara galaanaa Eertiraatti haalli qilleensaa irra caalaan gogaa ta’ee itti fufa.

Gama biraan kutaalee Kaaba Baha Ityoophiyaa, Kaaba Sudaan, qarqara galaanaa Eertiraa, Jiibuutii fi kutaalee Kaaba Lixa Soomaaliyaatti giddugaleessan hammi hoo’aa 32 ‘c ol ta’e kan eeggamu ta’uu giddugalichi eereera.

Kibba Lixa Ityoophiyaatti hammi hoo’aa giddugaleessan 20 hanga 32 ‘c tti kan eeggamu yoo ta’u,kutaalee Kibbaa fi Kaaba Ityoophiyaatti ammoo hammi hoo’aa 20 ‘c gadi ta’e ni eeggama jedhamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015