Sanadiin rakkoolee jallisii xixiqqaarratti mul'ata sirreessuuf gargaaru qophaa'aa jira

50

Finfinnee Guraandhala 5/2011 Itoophiyaatti rakkoolee diizaayinii, harkifannaa pirojektootaa fi itti fayyadama teekinooloojii jallisii xixiqqaarratti mul'atan dhabamsiisuuf kan gargaaru sanadiin tarsiimawaa qophaa'aa akka jiru ministeerri qonnaa beeksise.

Sanadiin kun bara kana hojiitti kan galuu fi diizaayinii hojii jallisiirratti rakkoolee mul'atanii fi harkifannaa pirojektootaa ni hambisa jedhameera.

Kana malees Itti fayyadama teekinooloojii, bulchiinsa kontiraataa fi hanqinoota damee kanarratti mul'atan kan biroo furuuf kan gargaaru akka ta'e ministeerri qonnaa ibseera.

Ministeerichatti daarektarri babal'isa misooma jallisii xixiqqaa obbo Eliyaas Awwal tajaajila oduu Itoophiyaatti akka himanitti, qophiin sanadii qorannaa misooma jallisiirraa kaasee amma bulchiinsa kontiraataatti rakkoolee jiran hiiku xumuramaa jira.

Haala amma jiruun raawwiin ijaarsa pirojektootaa addaddaa biyyattii keessatti ijaaramaa jiranii fi xumuramuu qabanii dhibbantaa 50 amma 60 qofa ta'uu ibsanii, dandeettiin kontiraaktarootaa xiqqaachuu,  hordoffii fi to'annaan mootummaa gadi aanaa ta'uun harkifannaa pirojektootaaf sababa ta'uu eeraniiru.

Sanadichi xumuramee hojiirra wayita oolu rakkoo raawwii hojiiwwan misooma jallisii sadarkaa xiqqaarratti argaman ni hiika jedhaniiru.

Sanadiin itti fayyadama bishaanii haqa qabeessaa, misoomummaa lafa jallisii  tarsiimoo teekinooloojiidhaan gargaaru kan of keessatti qabate qophiin sanada kanaa  xumuramee mana maxxansaa galuusaa daarektarichi himaniiru.

Sanadichi maxxanfamee erga xumuramee booda ogeessotaa fi qonnaan bultootaaf leenjii kennuudhaan sadarkaa hundatti kan raabsamu ta'a jedhaniiru.

Ragaaleen akka agarsiisanitti haala qabatamaa teekinooloojii, dhiheessii bishaanii, humna maallaqaa Itoophiyaan qabduun lafa jallisiidhaan misoomuu danda'u heektaara miiliyoona 2.7tu jira.

Fuulduraafis lafti heektaarri miiliyoona 5.7 jallisiidhaan misoomuu akka danda'u ragaan ministeera qonnaarraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015