Hariiroo Diinagdee Itoophiyaaf Jaappaan cimsuuf hojjetamaa jira

61

Finfinnee fulbaana.15/2013(TOI)- hariiroo investimentii fi daldalaan Itiyoophiyaa fi Jaappaan gidduu jiru cimsuuf akka hojjetamaa jiru Jaappaanitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Kaasaa Takla Birhaan ibsan.

Misooma Teelekoomii,oomisha huccuu fi bu’uuraamisoomaa diriirsuu keessattis hirmaachuuf kaampaanonni biyyattii fedhii olaanaa akka qaban dubbataniiru.

Jaappaan deeggartuu misooma Itiyoophiyaa cimtuu akka taatee fi kanas deeggarsaa fi liqaa yeroo dheeraan misooma Itiyoophiyaaf tumsaa akka jirtuudha Ambaasaaddar Kaasaa Takla Birhaan kan ibsan.

Pirojektii Daandii Jimmaa –Chida –Sooddoo Sawulaaf liqii yeroo dheeraan Yeni Jaappaan Biiliyoona 9.6 akka kennan himan.

Karaa ‘UNICEF fi UNDP’ ittisa hoomaa hawaannisaa fi Kooviid 19’f doolaara ameerikaa miiliyoona 6 gumaachanii jirus jedhan.

Hoomaa hawaannisaan miidhaa gahe qolachuufis deeggarsa Qamadii toonii kuma 70 akka laatan himaniiru.

Teeknooloojii fi meeshaalee Ittisa Kooviid 19’f kan oolan birrii miiliyoona 500tti tilmaamamu deeggaruufis akka waliigaltee mallatteessan dubbataniiru.

Jaappaan Hidha Haaromsarrattis ejjennoo isaanii gaarii akka tahee fi qaama sadaffaa gidduu osoo hin galchin fixadhaa akka jedhan himaniiru.

Wiirtuun Kaayizenii Magaalaa Finfinnee Gamtaa Afriikaa cinatti ijaaramaa akka jiru ibsanii, muuxannoo isaan guddina ittiin galmeessan qooddachuufis hojjetamaa akka jiru Ambaasaaddar Kaasaa T/Birhaan ibsaniiru. OBN wabeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015