"Kallaattii nuti itti kontiraaktaroota guddifnu, kanneen pirojaktii qulqullinaafi yeroon xumuraniif hojii dabalataa kennaa kanneen hojii balleessaniifi lafarra harkisan immoo adabaa ta'uu qaba." Pireezedaant Shimallis Abdiisaa.

74

Finfinnee Fulbaana 05/2013(TOI) - Taayitaa konstiraakshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Raawwii hojii pirojaktootaa bara darbeefi kallattii fuula duraa irratti kontiraaktaroota,gorsitootaafi ogeeyyii damee konstiraakshinii waliin mar'achaa jira.

Marii kana haasawaan kan jalqabsiisan Pireezedaanti Shimallis Abdiisaati.

Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti horkifannaan pirojaktootaa rakkoo guddaa turuusaa kan yaadachiisan Pireezedaanti Shimmallis, bara 2012tti dhimma kanaaf xiyyeeffannoon Addaa kennamee bara pirojaktoota xumursiisuufi haaraaf onnachuu gochuun danda'ameera jedhan.

Kanaaf bara hojii darbetti kontiraaktarootaafi gorsitoota pirojaktoota yeroon xumuruun itti gaafatamaa isaanii ba'an galateeffataniiru.

Pirojaktii yeroon xumuruun hojii biraan akka uumamuuf carraa guddaa waan uumuuf, kanaan booda mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii hin xumuramne qallabaa maallaqa uummataa hin qisaasessu jedhan.

Kanaaf warra pirojaktii yeroon xumuraniif hojii dabalaa, warraa pirojaktii lafarra harkisuun diinagdee laamshissaa mootumaafi hawaasa taajaajila wal komachiisan immoo hojii keessaa baasaa deemna jedhan.

Mukniyyuu kan jallatte irraa muraa sirreessaa malee ija hin godhatu waan ta'eef mootummaan misooma pirojaktootaa cimsuuf warra hojii balleessu ni sirreessa jedhan.

Marii kanarratti raawwii pirojaktoota bara darbeerratti hanqinaafi cimni jiru adda ba'ee dhiyaateera.

Pirojaktoota qulqullinaafi yeroon xumuruun fakkeenyummaa qabaniif bekamtiin kan kannamu ta'uu sagantaa ba'e ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015