Paartiin Demookraatawaa Liibaraal Jaappaan (LDP) Suugaa bakka Shiinzoo Abbee buusuuf filate

73

Finfinnee, Fulbaana 4, 2013 (TOI) - Paartiin Demookraatawaa Liibaraal Jaappaan (LDP) Yooshiihiid Suugaa bakka Shiinzoo Abbee buusuuf filachuu ibsame.

Yooshiihiid Suugaan yeroo dheeraaf bulchiinsa Shiinzoo Abbee keessatti hoggansa olaanaan iddoo garaagaraatti tajaajilaa turaniiru.

Paartiin bulchiinsa Jaappaan, maanguddoo umrii waggaa 71 Suugaa sababa rakkoo dhibeen aangoo gadi kan dhiisan Shiinzoo Abbee bakka buusuuf filateera.

Suugaan torbee kana sagalee Paarlaamaan Muummee Ministira biyyattii ta’uuf haala mijeeffataniiru.Suugaan sagalee waliigalaa 534 keessaa 377 argachuun Preezdaantii paartichaa ta’uun filatamaniiru.

Hanga Fulbaana 2021filannoon waliigalaa biyyattii gaggeeffamutti Suugan Jaappaan ni hoogganu jedhamee eeggama.Maanguddoon umrii waggaa 65 Shiinzoo Abbeen bara Faranjootaa 2012 irraa eegalanii waggoota 8f Jaappaan bulchaniiru.

Sababa dhibee Onnee isaan quunnameen baatii darbe aangoo gadi dhiisuun isaanii kan yaadatamuudha.

Maddi:-BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015