Qondaaltota poolisii yeroo turmaataa xumuraniif beekkamtiin kenname.

171

Finfinnee  Fulbaana. 3/ 2013(TOI) - Koollejjiin Poolisii Oromiyaa Komishiinii Poolisii Naannoo Oromiyaa waliin qindaa'uun Qondaaltota yeroo turmaataa xumuraniif beekkamtii kenne.

Komaandaroota yeroo dheeraaf tajaajilaa turaniif gara gargaaraa Komishiinaraatti guddataniif beekkamtiin kan kennamu yoo ta'u, Miseensota Poolisii Oromiyaa Naannicha keessatti nageenya amanisiisaa galmeessuuf hojii abdachiisaa hojjachaa turaniifis gulantaan guddinaa ariifachiisaan bakka Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa,Qondaaltoota sadarkaa Federaalaa fi Naannoo argamatti kennamaa jira.

Komishiinii Komishinara Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa haasaa taasisaniin Qondaaltoota yeroo turmaataa isaanii Xumuranii gulantaa itti aanuuf qophaa'aniif beekkamtiin kennamu jajjabeesetuu hojii isaaniti jedhan.

Komishiinii Poolisii Oromiyaa nageenya amansiisaa itti fufsiisuuf karaa loogii irraa bilisa ta'een hojjachaa jira.

Bara 2012 keessatti Poolisii dandeetti fi gahuumsa qaban leenjisuun rakkoo nageenya biyya keessaa fi alaa too'achuuf hojii boonsaa hojjateera jedhan.

Gochoota seeran alaa naannicha keessatti raawwataman kamiiyyuu too'achuun olaantummaa seeraa mirkaneessuuf Komishiiniin Poolisii Oromiyaa cimee kan hojjatu ta'uu Komishiinar Araarsaa Mardaasaa dubbataniiru. Maddi OBN.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015