MM FDRI Dooktar Abiy yaa’ii warraaksa magariisaa Afrikaarratti muuxxannoo Ityoophiyaan damichaan qabdu qoodan

119

Finfinnee, Fulbaana 2, 2013 (TOI) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad yaa’ii warraaksa misooma magariisaa Afrikaarratti hirmaataniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad misooma qonnaa fi damee isaa hammayyeessuuf hojiin kalaqaan deeggarame hedduun hojjetamuu yaa’icharratti kaasaniiru.

Cimina duraan jirurratti hundaa’uun haala ajaa'ibsiisaa ta'een fooyya'iinsi argamuu Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.

Yaa'iin Warraaksa misooma Magariisa Afrikaa bara kanaa qindeessummaa Preezdaanti Pool Kaagaameetiin qophaa'e irratti yaadoota fayyadan qooduu kootti gammadeera jedhan.

Invastimeentiin mootummaa cimee, hirmaannaan damee dhuunfaa, keessumaas gama teeknooloojii fi kalaqaatiin yoo dabaalle guddina keenya ni ariifachiisna jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015