Godinni Jimmaa dorgommii Ispoortii aadaa Oromiyaa olaantummaan Xumure

181

Ambo Guraandhala 4/2011 Torbee tokkoof magaalaa Ambootti adeemsifamaa kan ture dorgommiin Ispoortii aadaa Oromiyaa mo'annaa walii galaa godina Jimmaatiin xumurame.

Dorgommii kanaan godinaaleen Shawaa lixaa fi Gujii sadarkaa lammaffaa fi sadaffaa qabataniiru.

Godinoota naannichaa 12 fi bulchiinsa magaalotaa saddet jidduutti gosoota ispoortii 10n dorgommii adeemsifameen ispoortessitoonni 300 hirmaataniiru.

Dorgommii kaleessa xumurameen godinni Jimmaa saala lamaanuu dorgommii taasifameen waancaa 7 argachuudhaan tokkoffaa ta'ee xumureera.

Godinni Shawaa lixaa saala lamaanuu taphoota taasifamaniin waancaa afur argachuudhaan lammaffaa ba'eera.

Waldhaansoo dhiiraatiin waancaa tokko kan argate godinni Gujii sadarkaa sadaffaa argateera.

Godinni Shawaa lixaa waancaa amalaa badhaafamuudhaan waancaa dabalataa argateera.

Shaampiyoonii Ispoortii aadaa sadarkaa guutuu biyyaatti dhiheenyatti adeemsifamurratti naannicha bakka bu'anii kan hirmaatan ispoortessitoonni 58 dorgommii kanaan filatamaniiru.

Komishinariin Ispoortii Oromiyaa obbo Naasiir Huseen ispoortessitoonni naannicharraa filataman dorgommii guutuu biyyaatti adeemsifamurratti bu'a qabeessa akka ta'an qophii akka taasisan yaadachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015